Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Shaggar keessatti tajaajilli tola ooltummaa baasii mootummaa hir’isuun hojii misoomaa saffisiisaa jira

Hagayya 29/2018 (ENA): Tajaajilli tola ooltummaa magaalaa Shaggar keessatti gaggeeffamaa jiruun bulchiinsa magaalichaa baasii faayinaansii ol’aanaa qusachuu fi hojiiwwan misoomaa adda addaa akka saffisiisu kan dandeessise ta’uu waajjirri faayinaansii magaalichaa beeksise.

Fedhiin misooma hawaasummaa fi dinagdee bal’aa bulchiinsa magaalaa Shaggar baajata idilee mootummaa qofaan guutamuu waan hin dandeenyeef, tattaaffii, beekumsaa fi qabeenya hawaasaa fi qaamota adda addaa haala qindoomina qabuun qindeessuun barbaachisaa ta’eera.


 

Haaluma kanaan tajaajilli tola ooltummaa sadarkaa magaalaatti raawwatamaa ture irra caalaa mana jireenyaa namoota harka qalleeyyii haaromsuu, biqiltuu dhaabuu fi kunuunsa naannoo, fayyaa fi barnoota hawaasaa deeggaruun, akkasumas pirojektoota bu’uuraalee misoomaa adda addaa irratti xiyyeeffatee hojjetamaa tureera.

Hojiileen kunneen osoo adeemsa caalbaasii fi waliigaltee idileetiin raawwataman ta’ee, baasii guddaa magaalattii fi baajata idilee irraa barbaadu ture.


 

Hojiileen hirmaannaa tola ooltotaa, dargaggootaa fi abbootii qabeenyaa guddisuun hojjetamaa turan baajata magaalattii qusachuu qofa osoo hin taane, qabeenya mootummaa daangeffameef pirojektoota misoomaa dursa kennaniif biroof ramadamuu fi kenniinsa tajaajilaa saffisiisuun akka danda’amu taasiseera.


 

Itti aanaan itti gaafatamaa Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalattii obbo Warqinaa Disaasaa ENAtti akka himanitti, hojiin tola ooltummaa Ganna qindoominaan hojjetame bu’aa jajjabeessaa kan argamsiise ta’uu eeruun, sagantichi milkaa'inaan hojiirra oolaa jira jedhani.

Hojiin tola ooltummaa kun bara baajataa darbee kan karoorfame caalaa raawwii olaanaa galmeessisuu kan ibsan obboWarqinaan, hojii misoomaa fi deeggarsa birrii biiliyoona 25.5 karoorfame keessaa birrii biiliyoona 28.4tti tilmaamamu raawwachuu akka danda’ame ibsaniiru.


 

Bara bajataa qabame kana keessatti  hojiin tola ooltummaa walumaa galatti tilmaama birrii biiliyoona 29.6 dameewwan 105 irratti karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.


 

#Ena Afaan Oromoo #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015