Tamsaasa Kallatti:

Gibxi mirga Itiyoophiyaan qabeenya bishaanii isheetiin misoomuuf qabdu kabajuu qabdi-Tiiboor Naaj

Hagayya 28/2018 (ENA) - Gibxi mirga Itiyoophiyaan qabeenya bishaanii isheetiin misoomuuf qabdu kabajuu akka qabdu Ameerikaatti gargaaraan ministira dhimma alaa dhimmoota Afriikaa duraanii Tiiboor Naaj ibsan.

Galaana diimaan walitti hidhata seenaa kan qabdu Itiyoophiyaan gaaffiin ulaa galaanaa itti jirtu bu’ura seeraa akka qabus ta’uusaas dubbataniiru.

Tiiboor Naaj turtii POA waliin turtii taasisaniin, yaa’a Abbayyaarratti qooda bishaanii osoo hin qabaatiin bara dheeraaf karaa haq-malee faddadamaa turuushee dubbataniiru.

Gibxi adeemsi laga Abbayyaa guutummaan to’achuun qaba jettee hordofaa jirtu, dhugaa siyaasaa fi dinagdee qaxanichaa yeroo yeroon jijjiiramaa jiru waliin gonkumaa kan wal hin simne ua’uu ibsaniiru.

Gibxi dhugaa haaraa kana fudhachuu qabdi kan jedhan dippilomaatiin duraanii kun, guddina Itiyoophiyaa si’ataa fi madaallii humnaa qaxanichatti jijjiiramaa jiru kaasaniiru.

Siyaasaan qaxanichaa jijjiirama olaanaa taasisuusaa kan ibsan Tiiboor Naaj, yeroo ammaa madaalliin humnaa haaraan uumamuusaa fi Itiyoophiyaanis guddachuushee hubachuu akka qabdu cimsanii dubbataniiru.

Gibxi akkaataa marii irra deebitee ilaaluudhaan ilaalcha haaraa fi sirrii qabattee gara mariitti yoo deebite walii galtee fulla’aa fi haqa qabeessarra gahuun akka danda’amu kaasaniiru.

Mariileen mirga itti fayyadama bishaanii biyyoota yaa’a Abbayyaa hundaa beekamtii kennuurratti hundaa’an walii galtee uumuu akka dandeessisan dubbataniiru.

Gibxi ejjennoo waa’ee Abbayyaa kaaftu caalaa ejjennoon Itiyoophiyaan galaana diimaatti akka hin dhihaanne qabatte dhugaarraa kan fagaate ta’uu kaasaniiru.

Gibxi biyyoonni qarqara ganaana diimaa jiran qofaan dhimmi bulchiinsa galaanaa isaan ilaallata kan jettu yoo ta’e, yaa’a Abbayyaatti fayyadamuu kan qaban biyyoota qooda bishaanii qaban qofadha jechuun dubbataniiru.

Ejjennoo Gibxi dhugaadhaan wal hin simne kana gocha fakkeessaa jechuun qeeqaniiru.

Ameerikaatti gargaaraan ministira dhimma alaa dhimmoota Afriikaa duraanii tattaaffii Itiyoophiyaa hula galaanaa argachuuf taasisaa jirtu ilaalchisees yaadasaanii kennaniiru.

Seenaa galaanarraa Itiyoophiyaan Kanaan dura qabdu yaadachuudhaan, biyyattiin yerositti humna galaanaa mataashee (Neevii), wiirtuu humna galaanaa fi admiraalota Itiyoophiyaa humna galaanaa keessatti tajaajilaa turan akka qabdus ibsaniiru.

Itiyoophiyaan hula galaanaa dhabuunshee mudannoo guddaa gaddisiisaa ta’uusaa eeranii, tattaaffiin biyyattiin hula galaanaa argachuuf yeroo ammaa itti jirtu hariiroo seena qabeessa galaana diimaarraa qabdu waliin wal qabsiisaniiru.

Fedhiin Itiyoophiyaan hulaa galaanaa argachuuf qabdu haqa qabeessaa fi seera qabeessa ta’uu Tiiboor Naaj ibsanii, iyyoonni olla fedhii Itiyoophiyaa sirriitti hubachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015