Tamsaasa Kallatti:

Godina Baaleetti Bara barnootaa 2019’f hojiileen haal-duree xumuramaniiru

Hagayya 28/2018(ENA)- Godina Baaleetti adeemsa baruu fi barsiisuu bara barnootaa 2019 bu’a qabeessa gochuuf hojiileen haal-duree xumuramauusaanii waajjirri barnootaa godinchaa beeksise.

Itti gaafatamaan waajjira barnootaa godinichaa obbo Tashaalaa Disaasaa ENA’f akka ibsanitti, godinichatti bu’uraaleen misoomaa qulqullinaa fi qaqqabummaa barnootaa mirkaneessuuf gargaaran hedduun hojjetamaniiru.

Keessumaa tajaajila tola ooltummaa gannaarratti hawaasa hirmaachisuun hojiin hojjetame bu’a qabeessummaa bara barnootaa kanaaf qooda guddaa akka gumaachan dubbataniiru.

Manneen barumsaa idileen duraa fi sadarkaa tokkoffaa haaraa waliin gahiinsa barnootaa bal’isuuf eegalaman 50 keessaa irra caalaansaanii xumuramanii barnoota eegalchiisuuf qophaa’aniiru jedhan.

Dabalataanis naannawa barumsaa mijataa gochuu fi baay’ina barataa kutaa tokko keessatti baratuu fooyyessuuf kutaaleen barnootaa dabalataa 280 sadarkaansaanii fooyya’ee kan ijaaraman yoo ta’u, manneen jireenyaa barsiisotaa 850 ijaaramuu ibsaniiru.

Godinichatti bara barnootaa kanatti barattoota kutaa 1ffaa amma kutaa 12ffaatti baratan kuma 387 fi 664 simachuun barsiisuuf karoorfamuu itti gaafatamaan kun ibsaniiru.

Kana milkeessuuf hawaasaa fi gaggeessitoota sadarkaan jiran waliin qindaa’uun waltajjiiwwan sosochii hedduun gaggeeffamaa turuu dubbataniiru.

Galmee barattootaa eegalame guyyaa shan keessatti xumuruun, Fulbaana 5 bara 2019 barsiisuu eegaluuf tumsaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira barnootaa aanaa Harannaa Bulluq obbo Abdulqaadir Kamaal gamasaaniin, bara barnootaa 2019 aanichatti milkeessuuf haal dureewwan barbaachisan xumuramuu ibsaniiru.

Bakka bu’aan dura taa’aa mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa Qumbii የAhimad Kadir gamasaaniin, barumsa bara barnootaa baranaa bu’a qabeessa gochguuf qooda fudhattoota waliin ta’uun haal-dureen taasifamuu dubbataniiru.

Haal-dureewwan maneen barumsaa godina Baalee sadarkaan jiran keessatti taasifaman, qulqullina barnootaa mirkaneessuu fi barattoonni haala gaariin akka baratan gochuuf kan akeekame ta’uu odeeffannoon waajjira barnootaa godinichaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015