Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan dinagdee si’ataa, cimaa fi hunda hammataa ijaaraa jirtu itti fufti-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Hagayya 28/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan dinagdee si’ataa, cimaa fi hunda hammataa ijaaraa jirtu itti fufti jedhan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad.

Biyya keenyatti kan jalqabaa kan ta’e kaampaanii liqii bittaa manaa addaa deebisanii cimsuun dhaabuuf gargaaru hammattoo tumsaa seena qabeessa, baankiin biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi korporeeshinii faayinaansii idil-addunyaa(IFC) jiduutti har’a walii galtee taasifneerra jedhaniiru.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniitiin dabadrsaniin, dhaabbatichi kaappitaala birrii Itiyoophiyaa miiliyoona 100’n kan dhaabbatee fi korporeeshiniin faayinaansii idil-addunyaa ammoo doolaara miiliyoona 200 ta’u kan keessatti gumaachu ta’uu ibsaniiru.

Rakkoo wal simuu dhabuu Maallaqa callaa damee baankii keenyaa kan furuu fi guutuu Itiyoophiyaa kan qaqqabu faayinaansii mana bitachuuf oolu kan argamsiisu ta’a jedhaniiru.

‎‎Tumsi kun mannee gatii madaalawaan ijaaramanii fi kabaja Itiyoophiyaanotaa kan eegan maneen miiliyoona 1.5 dhiheessuuf akkasumas sirna faayinaansii keenya keessatti hirmaannaa dame dhuunfaa bal’isuuf galma kaawwanne kan milkeessu tarkaanfii ijoodha jechuun ibsan.

Ministirri muummee ergaa dabarsaniin, Itiyoophiyaan dinagdee si’ataa, cimaa fi hunda hammataa ijaaraa jirtu itti fufti jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015