Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti qonna gannaarraa oomisha fooyya’aa argachuuf hojjetamaa jira

Hagayya 28/2018 (ENA)-Bara oomishaa 2018/19 naannoo Oromiyaatti oomisha fooyya’aan argachuu akka danda’amu kunuunsi midhaanii ciminaan hojjetamaa jiraachuu biiroon qonnaa naannichaa beeksise.

Waqtii oomishaa kanatti oomisha argachuuf karoorfame milkeessuuf lafa qonnaa qopheessuu fi galteewwanitti fayyadamuun facaasuun alatti midhaan biqile aramaa, ilbiisotaa fi dhukkuboota garagaraarraa ittisuun murteessaadha.

Hogganaan biiroo qonnaa naannichaa obbo Geetuu Gammachuu ENA’f akka ibsanitti, naannichatti qonna gannaarraa oomisha fooyyee qabu walitti qabuun wabii nyaataa mirkaneessuuf qooda fudhattoota hirmaachisuudhaan hojjetamaa jira.

Bara oomishaa kana naannichatti lafa hektaara miiliyoona 11 tuqaa 1 caalu midhaan akaakuu garagaraan misoomsuun oomisha kuntaala miiliyoona 380 fi kuma dhibba 6 ol walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Kana keessaa amma ammaati lafti hektaara miiliyoona 9 kuma 627 fi 749 irra sanyiin garagaraa facaafameera.

Oomishtummaa dabaluuf itti fayyadama teeknooloojii guddisuun akka danda’ame kan eera hogganaan kun, akka Kanaan lafti hektaara miiliyoona 5 fi kuma 158 fi 516 tiraaktaraan qotamuu dubbataniiru.

Galtee qonnaa ilaalchisee xaa’oo amma ammaatti dhihaate kuntaala miil.10 tuqaa 5 keessaa amma ammaatti kuntaalli miiliyoona 7 fi kuma 677 ol qonnaan bulaaf raabsamuu beeksisaniiru.

Oomisha karoorfame milkeessuuf keessumaa kunuunsii fi eegumsi midhaanii karaa qindaa’een hojjetamaa jiraachuu obbo Geetuun dubbataniiru.

Qonnaan bulaan daboo fi tooftaa wal gargaarsaa karaa aadaatiin midhaan kunuunsaa akka jiru ibsaniiru.

Hojiin kunuunsaa fi eegumsa midhaanii cimsuuf keemikaalonni farra aramaa fi ilbiisaa qonnaan bulaaf raabsamuu ibsaniiru.

Akka Kanaan hojmaata qindaa’aa fi wal hubannaatiin hojii hojjetameen midhaan facaafame haala gaariirra akka jiru ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015