Sirna bulchiinsaa fi itti fayyadama lafaa ammayyeessuu fi dijitaalaa taasisuun, qabeenya lafaa kaayyoo barbaadamef oolchuu irratti bu’aan qabatamaan galmaa’aa jira- Aadde Masarat Asaffaa - ENA Afaan Oromoo
Sirna bulchiinsaa fi itti fayyadama lafaa ammayyeessuu fi dijitaalaa taasisuun, qabeenya lafaa kaayyoo barbaadamef oolchuu irratti bu’aan qabatamaan galmaa’aa jira- Aadde Masarat Asaffaa
Hagayya 28/2018 (ENA) — Sirna bulchiinsaa fi itti fayyadama lafaa ammayyeessuu fi dijitaalaa taasisuun, qabeenya lafaa kaayyoo barbaadamef oolchuu irratti bu’aan qabatamaan galmaa’aa jiraachuu Hogganttuun Biiroo Lafaa Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaa ibsan.
Sirna bulchiinsa lafaa ammayyaa, dhiyeessii fi itti fayyadama lafaa akkasumas mirga abbummaa fi qabiyyee lafaa mirkaneessuu irratti, moosaajootaa fi applikeeshiniiwwan biirichi qopheesse ilaalchisee hubannoo ifaa uumuu fi hojiiwwan kunneen haala walfakkaatuun hojiirra oolchuuf, ogeeyyii fi hoggantoota hojii damee sanaa Naannoo Oromiyaa irraa, godinota 21 fi bulchiinsa magaalota irraa walitti babba’an hirmaachise magaalaa Adaamaa, Galma Abbaa Gadaa keessatti gaggeeffameera.
Hogganttuun Biiroo Lafaa Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaa akka ibsanitti, qabeenya lafaa irraa fayyadamummaa uummataa qindaa’aa ta’e mirkaneessuuf, tajaajila damee kanaa ammayyeessuu fi teeknooloojii fayyadamuun bulchuu irratti bu’aan qabatamaan galmaa’aa jira.
Keessumaa, bulchiinsa lafaa, dhiyeessii fi itti fayyadama lafaa akkasumas qabeenya lafaa kaayyoo fi misooma barbaadamef oolchuu irratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Sirni kaadaastarii fi tajaajilli dijitaalaa damee kana keessatti hojiirra oolaa jiru bulchiinsaa fi itti fayyadama qabeenya lafaa ammayyeessaa jiraachuu kan ibsan Aadde Masarat, bara bajataa xumurame keessatti bulchiinsaa fi itti fayyadama lafaa magaalaa fi baadiyyaa gara sirna dijitaalaatti ceesisuuf hojii hojjetameen bu’a qabeessa ta’uu dubbataniiru.
Magaalota keessatti lafa mana jireenyaa dhuunfaa, lafa invastimantii fi tajaajila uummataaf oolu, akkasumas baadiyyaa keessatti lafa qonnaa fi lafa bosonaan uwwifame gara sirna kaadaastariitti galchuun galmeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojii kanaanis magaalota keessatti misooma hawaasummaa fi diinagdee uummataa cimsuu, gaaffilee lafa invastimantiif dhiyaatan yeroo isaa eeggatee deebisuu fi galiin damee kana irraa argamu akka dabalu gochuu keessatti sirni kun gahee olaanaa qabaachuu dubbataniiru.
Aadde Masarat, tajaajila damee kanaa ammayyeessuu fi teeknooloojii fayyadamuun raawwii fooyya’aa galmeessuu ibsanii, keessumaa seeraan alaa, weerara lafaa fi saamicha qabeenya lafaa ittisuun danda’amuu himaniiru.
Dabalataanis, sirni dijitaalaa lafaa ammayyaa tajaajila mootummaa damee kanaa saffisaa fi si’aayina qabu akka ta’u gochuu, akkasumas komii uummataa fi rakkoolee bulchiinsa gaarii damee kana keessatti mul’atan furuuf gahee olaanaa taphachaa jiraachuu ibsaniiru.
Naannoo Oromiyaatti mirga abbummaa fi qabiyyee lafaa lammiilee mirkaneessuuf hojii hojjetameen bu’aan qabatamaan argamuu kan ibsan Aadde Masarat, ammas hojiiwwan magaalaa fi baadiyyaa keessatti haala walfakkaatuun hojiirra oolchuu irratti hanqinni jiraachuu eeraniiru.
Bara bajataa haaraa keessatti sirna kaadaastarii magaalota, godinota, aanaalee fi gandoota keessatti hojiirra oolchuun qabeenya lafaa sirnaan galmeessuu fi sirna dijitaalaa qofaan bulchuu akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Magaalotaa fi godinota Naannichaa keessaa muraasni ammas sirna kaadaastaraa haala barbaadamuun hojiirra oolchaa akka hin jirre kan ibsan hoggantuun kun, bara bajataa qabame keessatti ogeeyyii fi hoggantoonni hojii damee kanaa sadarkaa gara garaarra jiran humna guutuudhaan hojjechuun galmee kaadaastarii lafaa baadiyyaa fi magaalaa keessatti xumuruu akka qaban hubachiisaniiru.
Tajaajila lafaa waraqaa irratti hundaa’e irraa bilisa gochuun, sirna “taajajila iddoo tokko -Masoobii” keessatti akka ta’uuf hojii hojjetamaa jiru cimsanii itti fufsiisuun, ittiquufinsa tajaajilamtootaa guddisuu qofa osoo hin taane, komii uummataa fi hanqina bulchiinsa gaarii bu’uura irraa furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Hogganaan Damee Tajaajila Seeraa Biiroo Lafaa Oromiyaa, Obbo Biyyaa Raayyaa, gama isaaniin, lafti qabeenya uummataa fi mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti argamu keessaa isa guddaa waan ta’eef, qisaasamaa fi saamicha irraa eeguuf itti gaafatamummaa isaanii sirnaan bahuu akka qaban ibsaniiru.
Keessumaa bulchiinsa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa fi magaalaa irratti moosaajiwwaan fi teeknooloojiiwwan ammayyaa hojjetaman irratti beekumsa fi hubannoo argatan gara hojii qabatamaatti hiikuun, walfakkeenya fi bu’aa walqixa galmeessuuf waliin hojjechuu akka qaban dubbataniiru.
Lafa qabeenya mootummaa fi uummataa ta’e seeraa fi sirna hojii irratti hundaa’uun tajaajila barbaadamuf oolchuu akka qabu kan ibsan Obbo Biyyaan, magaalotaa fi godinota keessatti ragaa mirga abbummaa fi qabiyyee lafaa sirna kaadaastarii dijitaalaa qofaan kennuu akka barbaachisu dabalataan ibsaniiru.
Sirna dijitaalaa kana caalaatti saffisaa fi bu’a qabeessa gochuun, tajaajila haqaqabeessa ta’e hawaasaaf dhaqqabamaa gochuuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Magaalotni akka Bishooftuu fi Adaamaa, akkasumas godinni Harargee Bahaa, bulchiinsa,qabinssa fi itti fayyadama lafaa ammayyaa, akkasumas galmee qabiyyee lafaa irratti raawwii fi muuxannoo isaanii qoodaniiru.