Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa sirna hojii isaa ammayyeessuun tajaajila saffisaa fi mijataa kennuu irratti argama -Obbo Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa sirna hojii isaa ammayyeessuun tajaajila saffisaa fi mijataa kennuu irratti argama -Obbo Tamasgeen Xurunaa
Hagayya 28/2018 (ENA) Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa sirna hojii isaa ammayyeessuun tajaajila saffisaa fi mijataa kennuu irratti kan argamu ta’uusa Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa dubbatan.
Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa, Waajjira Muummee Tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaatti argamuun hojiiwwan dhaabbatichaa daawwataniiru.
Obbo Tamasgeen Xurunaa, daawwannaa isaaniin hojiiwwan maxxansa paaspoortii, tajaajila lammiilee biyyoota alaa fi kenniinsa tajaajila dhaabbatichaa waliigalaa daawwataniiru.
Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa haaromsa addaa hojiirra oolchaa jiruun, sirna hojii isaa ammayyeessuun tajaajila saffisaa fi mijataa kennuu irratti argama.
Humna namaa gahaa fi teeknooloojii fayyadamee of gurmeessuun, paaspoortii elektiroonikaa, viizaa, sanadoota imalaa, tajaajiloota lammiilee biyya alaa, akkasumas to’annoo daangaa lafaa fi qilleensaa dabalatee hojiiwwan hedduu bu’a qabeessummaan raawwachaa jira.
Kunis, tajaajila saffisaa fi dhaqqabamaa lammiilee mirkaneessuu fi guddina biyyaalessaa itti fufsiisuuf mootummaan qajeeltoo Ida'amuu diriirsee hojiirra oolchu keessatti hiika addaa qaba.