Biraaziil Hariiroo Daldalaa Itoophiyaa Waliin Qabdu Cimsuuf Waajjira Dhaabbataa Finfinneetti Bante - ENA Afaan Oromoo
Biraaziil Hariiroo Daldalaa Itoophiyaa Waliin Qabdu Cimsuuf Waajjira Dhaabbataa Finfinneetti Bante
Hagayya 27/2018 (ENA) — Itoophiyaa fi Biraaziil gidduutti hariiroo dinagdee, daldalaa fi invastimantii jiru gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf, Ejensiin Daldalaa fi Invastimantii Biraaziil, 'ApexBrasil', waajjira dhaabbataa Finfinneetti banate.
Sagantaa baniinsa waajjira kanaarratti qondaaltonni mootummaa olaanoo Itoophiyaa fi Biraaziil, bakka bu’oonni hawaasa daldalaa akkasumas dippilomaatonni argamaniiru.
Komishinarri Komishinii Invastimantii Itoophiyaa, Dr. Zallaqaa Tamasgeen, wayita kana akka jedhanitti, waajjirri dhaabbataa 'ApexBrasil' Finfinneetti banamuun isaa biyyoota lameen gidduutti qindoominni tarsiimoo qabatamaan jalqabamuu isaa kan agarsiisuudha.
'ApexBrasil' banamuun isaa invastarootaaf hanqina odeeffannoo jiru furuun, odeeffannoo gabaa naannoo kennuun akkasumas walitti hidhamiinsa daldalaa cimsuun gahee olaanaa qaba.
Muuxannoo Biraaziil damee qonnaa keessatti teeknooloojii ammayyaa fi olaanaa fayyadamuun horate, qabeenya lafaa bal’aa fi dandeettii oomishaa Itoophiyaa waliin walitti fiduun, dameewwan akka bunaa, sanyii filatamaa, horsiisa beeyladaa fi agro-bizinasii ammayyaa keessatti carraa invastimantii fi daldalaa bal’aa uumuu akka danda’u ibsanira.
Dabalataanis, Komishinichi dhaabbilee Biraaziil gara gabaa Itoophiyaa seenaniif deeggarsa barbaachisaa ta’e ni taasisu jechuun mirkaneessaniiru.
Itoophiyaatti Ambasaaddarri Biraazil , Kijaandiiir Ferreeraa doo Saantoos akka jedhanitti, 'APEX-Brasil' waajjira dhaabbataa Finfinnee keessatti banuun hariiroo dinagdee biyyoota lamaanii keessatti boqonnaa haaraa kan banuudha.
Kunis Hariiroon biyyoota lamaan gidduu jiru guddachaa jiraachuu kan agarsiisu yoo ta’u, gara fuulduraatti sadarkaa olaanaarran ga’uuf fedhii fi hawwii guddaa qabanis kan calaqqisiisudha jedhaniiru.
Waajjirichi dhaabbileen Biraazilaa carraa gabaa Itoophiyaa jiran akka hubatan, michoota daldalaa akka argatan, akkasumas odeeffannoo
gabaa barbaachisaa ta’e akka argatan kan isaan gargaaru ta’uu ibsaniiru.
Akkasumas, invastaroonni Itoophiyaa dinagdee addunyaa keessaa tokko kan taate Biraazil keessatti carraawwan invastimantii fi daldalaa jiran akka fayyadaman ni gargaara jedhaniiru.
Finfinneen magaalaa guddoo dipilomaasii Afrikaa waan taateef, 'APEX-Brasil' carraawwan gabaa Itoophiyaa qofa osoo hin taane, Baha Afrikaa fi gabaa Afrikaa bal’aa keessa jiran akka fayyadamuuf gargaara.
Keessumaa dameewwan akka qonnaa, aviyeeshinii, oomisha qorichaa, bu’uuraalee misoomaa fi humna haaromfamuu danda’u irratti carraawwan jiranitti akka fayyadamuuf haala mijataa uuma.
Ministeera Dhimma Alaatti Daarektarri Jeneraal Dhimmoota Awurooppaa fi Ameerikaa, Ambaasaaddar dooktor Mallas Aalam, waajjirri dhaabbataa 'APEX-Brazil' Finfinnee keessatti banamuun, hariiroo fi tumsa dinagdee Itoophiyaa fi Biraazil gidduu jiru keessatti boqonnaa haaraa kan banuu ta’uu ibsaniiru.
Waajjirri APEX kun walitti hidhamiinsa daldalaa fi invastimantii caalaatti guddisuu, tumsa daldalaa mijeessuu, akkasumas invastaroota Itoophiyaa fi Biraazil gidduutti walitti dhufeenya hiika qabuufi bu’aa qabatamaa fidu cimsuuf waltajjii ta’ee akka tajaajilu ibsaniiru.