Burunoo Fernaandeez taphataa cimaa torbee kanaa ta'uun filatame - ENA Afaan Oromoo
Burunoo Fernaandeez taphataa cimaa torbee kanaa ta'uun filatame
Hagayya 28/2018(ENA)-Taphataan sarara gidduu kubbaa miilaa Burunoo Fernaandeez taphataa cimaa torbee kanaa Pirimeerliigii Ingilaandi ta'uun filatameera.
Taphataan Maanchistar Yuunaayitidiif baay’ee murteessaa ta'e kun gahumsa tapha torbee 2ffaa Pirimeerliigii Ingilaandirratti agarsiiseen filatamuun ibsameera.
Fernaandeez tapha torbee 2ffaa Maanchistar Yuunaayitid kilaba Ipiswiich Taawon galchiiwwan 5 fi 2’n injifateerratti galchii 3 lakkoofsisuun sadaffaa yoo galmeessu, kubbaa galchiif taatu 1 immoo mijeessee kennuun isaa ni yaadatama