Tamsaasa Kallatti:

Gurmaa'insa Paartii cimaa akkasumas hojimaata kalaqaafi ariitiin utubame diriirsuun badhaadhina hunda-galeessa mirkaneessuuf hojjetamaa jira.

Hagayya 28/2018(ENA)-Gurmaa'insa Paartii cimaa akkasumas hojimaata kalaqaafi ariitiin utubame diriirsuun badhaadhina hunda-galeessa mirkaneessuuf hojjetamaa jirachu ibsame.

Gamtaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa gamaaggama raawwii hojiifi konfiraansii waliigaa bara 2018 geggeesseera. Sagantaa kanaanis gabaasni raawwii Paartii bara 2018 fi karoorri bara 2019 dhiyaachuun bal'inaan irratti mari'atameera.

Hogganaan Damee Qabeenya Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Shimallis Kabbadaa saganticharratti yaada kennaniin, Paartiin Badhaadhinaa seenaa siyaasaa biyya kanaa keessatti yaadama man-dhalee hojiirra oolchuun rakkoolee biyyi keenya barootaaf ittiin qoramaa turte bu'uuraan furuun biyya badhaadhina hunda galessa mirkaneeffatte ijaaruuf hojjetaa jira jedhan.

Bu'uura kanaan, hoggansiifi miseensi Paartii injifannoo argaman kunuunsaa, waadaa filannoodhaan ummataaf seenne qixaan raawwachuuf of-qopheessuun dhimma murteessaa ta'u himan.

Maree kanaanis,ciminaalee itti fufsiisuun hanqinaalee mul'atan maqsuun ce'umsi siyaasaa akka mirkanaa'uuf hunduu hojjechuu akka qabu irratti waliigalameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015