Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannolee biyyattii tokko tokkoo keessatti hamma rooba giddugaleessaa hanga cimaa ni argatu - ENA Afaan Oromoo
Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannolee biyyattii tokko tokkoo keessatti hamma rooba giddugaleessaa hanga cimaa ni argatu
Hagayya 27/2018 (ENA) — Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoleen dhihaa, kaaba-dhihaa, kibba-dhihaa fi giddugaleessa biyyattii hamma rooba giddugaleessaa irraa kaasee hanga rooba cimaatti argachuu akka danda’an Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itoophiyaa beeksise.
Inistiitiyuutichi Ibsa ENAf ergeen akka beeksiisetti, guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoleen dhihaa, kaaba-dhihaa, kibba-dhihaa fi giddugaleessa biyyattii rooba giddugaleessaa hanga cimaa ta’e ni argatu.
Godinoonni Shawaa hundi, akkasumas Anyuwaak, Kafaa, Oomoo Dhihaa, Guraagee, Finfinnee fi Dirree Dhawaa, akkasumas godinoonni Tigiraay Dhihaa, Tigraay Kaaba-Dhihaa, Tigraay Giddugaleessaa, Tigraay Bahaa fi Tigraay Kibbaa, fi godinoonni Sidaamaa baay’een rooba salphaa hanga giddugaleessaa ta’e ni argatu.
Naannolee baha, kaaba-bahaa fi giddugaleessa Itoophiyaa keessatti roobni hir’achaa kan deemu yoo ta’u, naannolee kibbaa fi kibba-bahaa biyyattii keessatti garuu faca'insi roobaa fi hamma isaatiin, kan duraa caalaa fooyya’aa ta’e ni argatu.
Kanaaf, guyyoota kurnan dhufan keessatti naannolee adda addaatti roobni garaagarummaa qabaachuu waan danda’uuf, qonnaan bultoonnii fi jiraattonni odeeffannoo haala qilleensaa yeroo yerootti hordofuun barbaachisaadha.
Inistiitiyuutichi, hawaasni naannolee rooba gannaa irraa fayyadaman, kanneen jiidhina salphaa, giddugaleessaa fi cimaa argatan, akkasumas naannolee qonnaa midhaanii, horsiisa bulaa fi gariin horsiisa bulaa keessatti argaman, haala qilleensaa kana hojii qonnaa isaaniif akka itti fayyadaman hubachiiseera.
Kana malees, naannolee rooba giddugaleessaa fi cimaa argatan keessatti, lafa qonnaa gadi-bu’aa a irratti bo’oo bishaanii fi bo’oo dhangala’aa cufaman bananii hojii irra akka oolan gochuu, dhukkuba midhaanii fi aramaa dursee ittisuu, akkasumas lafa irraa biyyoo akka hin dhiqamneef tarkaanfiiwwan barbaachisan fudhachuu akka qaban hubachiiseera.
Qonnaan bultoonnis yeroo yerootti daawwannaa maasii gochuun of-eeggannoo barbaachisaa akka taasisan gorsaniiru.
Naannolee jiidhina salphaa hanga giddugaleessaa argatan keessatti immoo, jiidhina argamu sirnaan fayyadamuun, bishaan roobaa walitti qabuun yeroo bonaa itti fayyadamuun, bishaan lafa keessaa hurkaa’uu hir’isuuf hojiiwwan barbaachisan raawwachuun, akkasumas marga beeyiladaa sirnaan kunuunsuu fi tiksuu akka barbaachisu ibsameera.
Inistiitiyuutichi dabalataan, haalli qilleensaa guyyoota kurnan walitti aanan itti fufu kun, laggeen fi bishaanota naannolee rooba gannaa irraa fayyadaman keessatti, dhangala’aan bishaanii lafa irra yaa’u hamma xiqqaa irraa kaasee hanga guddaatti uumamuu akka danda’u ibseera.