Tamsaasa Kallatti:

Fooyyessi dinagdee gooroo daldala biyya alaaf haala mijataa uumuun gabaa haaraa banuudhaan shoora gaarii qaba

Hagayya 27/2018 (ENA)- Fooyyessi dinagdee gooroo guutuun daldala biyya alaaf haala mijataa uumuun gabaa haaraa banuudhaan qooda gaarii qaba bahaa akka jiru dureeyyiinii fi hoggantoonni damee kanarratti hojjetanii ibsan.

Misooma Hortiikaalcharii Itiyoophiyaa fi eksipoortiirratti kan hojjetan obbo Tsaggaayee Abbabaa akka ibsanitti, birokiraasiin waggoottan darban ture yeroo har’a guddaa furameera jedhan.

Yeroo riifoormiin dinagdee gaggeeffamee fi haalli invastimantii mijataan uumamerra waan jirruuf dureeyyiin biyya keessaa fi biyya alaa haala mijataa keessatti akka hojjetanii fi faayidaa akka argatan kan gargaaru ta’uu himaniiru.

Invastaroonni biyya Chaayinaa, Hindii fi Awurooppaa dabalataanis invastaroonni biyyoota baha fagoo akka Veetinaam damee garagaraarratti invasti gochuuf dhufaa akka jiran eeranii, kun bu’aa fooyyessa dinagdee gaggeeffamee ta’uusaa ibsaniiru.

Gama biraatiin hojii gaggeessaan olaanaa agiroo indistirii Biikoo obbo Taammiraat Addunyaa gamasaaniin, dhaabbannisaanii irra guddeessaan oomishoota istiroobarii biyyoota jiddu galeessa bahaa, baha fagoo, Afriikaa fi Awurooppaaf ergaa akka jiran ibsaniiru.

Mootummaan fooyyessa dinagdee gooroon wal qabatee dhaabbilee oomishanii erganiif deeggarsi taasisaa jiru caalaatti hojjechuuf kan nama onnachiisudha jedhaniiru.

Keessumaa dhiheessii sharafa alaa, hojmaata waraqaa liqiin wal qabatee hojmaanni Baankii guddaa kan mijate ta’uu dubbataniiru.

Hojmaanni kun hariiroo daldalaa dhaabbannisaanii biyyoota baha fagoo kanneen akka Siingaapoorii fi taayilaandi waliin jiru cimsuudhaan gara gaba haaraatti salphaatti akka galu carraa guddaa akka uumu dubbataniiru.

የMaanaajariin ekispartii Shaavaamoo Eksipoortii waldaa dhuunfaa itti gaafatamnisaa murtaa’e obbo Taarikuu Guuttataa Gabaan Awurooppaa damee eksiportii Bunaatiin eeramaa akka ture dubbataniiru.

Yeroo ammaa garuu daangeffama daldalaa fi seerota gamtaan Awurooppaa baasu waliin wal qabatee gabaa filaataa babal’isuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Mootummaa gabaa haaraa fi filaataa babal’isuuf carraaqqii taasisu baay’ina ekispoortii kan bal’isuu fi maxxantummaa gabaa tokko qofaarratti qabnu waan hir’isuuf faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015