Qonnaan bultoonni magaalaa Shaggaritti qonnarratti bobba’an haala mijataa uumameefitti gargaaramuun galiisaanii guddifachaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Qonnaan bultoonni magaalaa Shaggaritti qonnarratti bobba’an haala mijataa uumameefitti gargaaramuun galiisaanii guddifachaa jiru
Hagayya 27/2018 (ENA) - Qonnaan bultoonni magaalaa Shaggaritti qonnarratti bobba’an haala mijataa mootummaan uumeefitti gargaaramuun galiisaanii guddifachaa jiraachuu qonnaan bultoonni magaalichaa ibsan.
Guyyaan qonnaan bultootaa magaalaa Shaggar mata duree “qonnaan bulaa ammayyaa fi qonni ammayyaa badhaadhina walii galaaf” jedhuun magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Sulultaatti sirnoota garagaraan kabajamaa jira.
Waggaa haaraa sababeeffachuun baazaarii fi egzibiishiniin kan qophaa’e yoo ta’u, oomishaaleen qonnaa, maashinariiwwan, galteewwan calla guddiftuu fi kanneen biroos agarsiisaaf dhihaataniiru.
Kaayyoon olaanaan kabajni guyyaa qonnaan bultootaa itti qophaa’e kun magaalonni qonna magaalaarratti hirmaachuun nyaataan of danda’uurra darbee, oomishaalee qonnaa kallattiin baay’inaa fi gatii madaalawaan argachuun qaala’insa jireenyaa hir’isuu fi gabaa tasgabbeessuu akka ta’e ibsameera.
Qonnaan bultoonni saganticharratti hirmaatan yaada ENA’f kennaniin, bulchiinsi magaalichaa qonna magaalaa babal’isuunii fi hojiilee wabii nyaataa ammayyaa fi fulla’aa ta’e mirkaneesan raawwachuuf isaan gargaaraa akka jiru ibsaniiru.
Qonnaan bultoota yaada kennan keessaa kanniisaa horsiisuun damma oomishaa jiran obbo Abarraa Sobbooqaa akka dubbatanitti, hojii hojjechaa jiraniin of fayyaduurra darbanii oomishasaanii gabaa baasuun galiisaanii guddifachaa jiru.
Gara fuulduraattis oomisha biyya alaatti egramu guddisuun qooda keenya ni bahanna jedhaniiru.
Adde Assagadach Simee bu’aawwan beelladaa dhiheessuurratti waldaan gurmaa’anii hojjechaa akka jiran ibsaniiru.
Walitti hidhaminsa gabaa uumameen fayyadamaa ta’uusaanii eeranii, ogeeyyii fi mootummaa waliin qindoominaan hojjechaa akka jiranii fi hojii kana cimsanii akka itti fufan ibsaniiru.
Itti gaafatamaan waajjira qonnaa magaalaa Shaggar obbo Dajanee Baqqalaa gamasaaniin, magaalattiin Kanaan dura oomishuu dhabuun bakkeerraa bitaa akka jirtu yaadachiisanii, yeroo ammaa qonna ammayyaatiin oomishuudhaan gabaaf dhiheessuu eegaluushee ibsaniiru.
Sadarkaa magaalaattii hojiileen ammayyaa hojjetamuusaa dubbatanii, qonnaan bulaaf hubannoo uumuudhaan teeknooloojii waliin walitti fiduun hojii hojjetameen hojiileen onnachiisaan hojjetamuusaanii dubbataniiru.