Hojiin tajaajila lammummaa gannaafi omishtummaan of danda’uu irratti hojjetamaa jiru, imala ijaarsa biyyaa milkeessuun bu'aa qabatamaa galmeessisaa jira - Obbo Kaffaaloo Tafarraa - ENA Afaan Oromoo
Hojiin tajaajila lammummaa gannaafi omishtummaan of danda’uu irratti hojjetamaa jiru, imala ijaarsa biyyaa milkeessuun bu'aa qabatamaa galmeessisaa jira - Obbo Kaffaaloo Tafarraa
Hagayya 27/2018 (ENA): Hojiin tajaajila lammummaa gannaafi omishtummaan of danda’uu irratti hojjetamaa jiru, imala ijaarsa biyyaa milkeessuun bu'aa qabatamaa galmeessisaa jiraachuu Hoogganaan Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa ibsan.
Naannoo Oromiyaatti gamaggama torbaniitiin Sadarkaa raawwiin hojii Kenna Tajaajila Lammummaa Gannaafi gargaaramtummaarraa gara Omishtummaatti taasifamaa jiru koree ol’aanaa Naannootiin qoratameera.
Hojiiiwwan gama kanaan hojjetamaa jiran mirkaneessuuf akeekamee garee superviizhinii bobbaa'aniin argannoon superviizhinii dhiyaachuun irratti mari'atameera.
Hoogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Kaffaaloo Tafarraa gamaggama kanarratti yaada kennaniin, Humna misoomuu keessoo qixaan fayyadamuun omishtumaa guddisuun dinadgee hirkatummaa irraa walaba ta’e ijaaruun murteesaadha jedhan.
Kana dhugoomsuufis Naannoo Oromiyaattis, gargaaramtummaa guutummaatti hambisuun omishtummaan ofdanda’uuf karoorfamee hojii hojjetamaa jiruun milkaa’inni yeroo yeroon galmaa’aa jiraachuu ibsaniiru.
Gama biraatiin kenna tajaajila lammummaa gannaatiin hojii hojjetamaa jiru itti fufsiisuun jijjiiramni hawaas-dinagdee fulla’insaan akka galmaa’u taasisuu irratti koree olaanoo kanaan xiyyeeffannoon kennamee hojjetamuu akka qabu himaniiru.
Waliigalaan,Imala Ijaarsa biyyaa karaa milkeessuu danda'uun hojiin gama kenna tajaajila lammummaafi Omishtummaan of danda'uu irratti hojjetamaa jiru bu'aa qabatamaa galmeessaa jiraachuu obbo Kaffaaloon ibsaniiru.
Ta'us garuu,harcaatii hojii mul'atan guutuu taasisuun milkaa’ina argame sadarkaa barbaadameen gahuudhaaf,argannoo superviizhiniin adda bahaan galtee hojii yeroo itti aanuu godhachuun, qindoomina keenya daran cimsuufi hawaasni akka aadeffatu taasisuu akkasumas sirna deggarsaafi horfoffii bu'a qabeessa diriirsuun humna dandamannaafi dorgomtummaa egeree bu’uura amansiisaa irratti dhaabuun murteessaa ta'us kaasanii jiru.
Gabaasa raawwii hojiifi argannoo superviizhinii dhiyaatee irratti bal'inaan erga mari'atamee booda kallattiin fuulduraa kennamuun goolabameera jechuun waajjjirri paartii Badhaadhinaa damee oromiyaa gabaaseera.