Tamsaasa Kallatti:

Hirkattummaa Roobaa jalaa  ba’uun gara Makanaayizeeshinii Jallisiitti ce'uun milkaa'ina  gurguddoo damee Qonnaa Itoophiyaa keessaa isaan  ijoodha

 Hagayya 27/2018 (ENA) – Hirkattummaa Roobaa  irraa gara misooma jallisii fi makanaayizeeshinii ammayyaatti ce’uun taasifamaa jiru, qonna Itoophiyaa keessatti boqonnaa haaraa kan bane tarkaanfii seenaa qabeessa ta'uu isaa hayyoonni Yuunvarsiitii Jimmaa   ibsan.

Bu’uura Dinagdee  Itoophiyaa kan kan ta’e Qonni baroota dheeraaf mala aadaan maarashaa fi  bishaan roobaan  qofa  irratti hirkatee turuun isaanii kan beekamudha.

Haalli kunis biyyattii jijjiirama qilleensaa fi hanqina wabii nyaataaf  kan  saaxilu ta'ee tureera.

Haa ta'u malee, waggoota dhihoo asitti babal'inaan hojiirra oolaa kan jiran kanneen akka misooma qamadii jallisii, oomishtummaa jallisii bonaa fi makanaayizeeshinii meeshaalee qonnaa, oomishtummaa damichaa   sadarkaa ol'aanaadhaan jijjiiraa jiru.


 

Dhimma kana irratti ENA waliin turtii kan taasisan hayyoonni Yuunivarsiitii Jimmaa  Itoophiyaan waggoota darban keessa qonna aadaa irraa ce'uudhaan gara Manaakaayizeeshinii misooma jallisii fi ammayyeessuu oomishtummaatti ceesisuuf tarsiimoowwan fi imaammata babal'aa hojiirra oolchaa jirti jedhaniiru.

Yuunvarsiitichatti  barsiisaa fi qorataan  Koleejjiin Qonnaa fi wal’aansa  Beelladaa  Dr. Waasihuun Hasan, jijjiiramni damee  qonnaa keessatti mul'ate hanga oomishaa bira darbee sirna oomishtummaa kan jijjiiru ta'uu isaa ibsaaniiru.

Keessattuu babal'achuun misooma jallisii qonni hirkattummaa roobaa irraa akka bilisa ta'u kan taasise yoo ta'u, kunis waggaa keessatti waqtiiwwan adda addaatti oomishuu dandeessisuudhaan waqtii oomishaa babal'iseera.

Jijjiirama damee qonnaa kanaaf agarsiistuu kan biroo Makanaayizeeshiniin babal'achuu isaa  ta’uu hayyoonni  kun  ibsaniiru.

 Haaluma kanaan, toftaalee qonna aadaa irraa gara meeshaalee ammayyaa kanneen akka tiraakteraa  fi maashinaroota qonnaa biroo fayyadamuu, kan haamuu fi dhahuun hojii makanaayizeeshiniitiin raawwachuuf tattaaffiin taasifame jijjiirama saffisaa qonna irratti mul'atuuf agarsiistuu isa tokkodha jedhaniiru.

Kunis yeroo humna namaatiin fudhatamuu fi qisaasama omishaa   hir'isuun, oomisha qulqullinaa fi baay'inaan dabaluuf gumaacha gochaa jira.


 

Dabalataanis, babal'achuun misooma qamadii jallisii bonaa Itoophiyaan fedhii qamadii mataa ishee bira darbee gara gabaa alatti erguuf kan dandeessise jijjiirama qonnaa ijoodha jedhaniiru.

Sana malees, sosochiinsii sagantaa maaddii guutuun  qonna qe’ee ofiin, misooma loonii,  lukkuu  fi horsiisa kannisaan  hojjetaman  sirna nyaata maatii fooyyessuu bira darbee galii dabalataa uumuuf carraa kan bane ta'uu kan dubbatan immoo  Yuunvarsiitii Jimmaatti Diinii  Kolleejjiin Qonnaa fi  wal’aansa  Beelladaa fi wal’aansa  Beeyladaa fi ogeessa  misooma biyyee, kunuunsa biqiltuu fi qulqullinaa  Dr. Salamoon Tulluu ibsaniiru.



 

Haaluma kanaan oomishni  Aannanii fi hanqaaquu dabaluu isaa ibsuun, hawaasni baadiyyaa fi magaalaa hojiiwwan qonnaa kana irratti bal'inaan akka hirmaatu taasifamuu ibsaniiru.

Oomisha midhaaniitiin alatti  hojiiwwan misooma kuduraa fi fuduraa irratti hojjetamanis Itoophiyaaf galii sharafa alaa dabaluuf gumaacha taasisuu isaaniif akka fakkeenyaatti ibsaniiru.

Keessattuu babal'achuun oomisha avokaadoo fi Al- ergiin bunaa galii ol'aanaa galchuu isaanii jijjiirama gurguddoo  damichaan kan  mul'atan keessaa isaani ijoodha jedhaniiru.

Guddina fi babal'ina oomishaa bira darbee qonni waggoota darban keessa namoota baay’eef carraa hojii kan uume ta'uu dubbataniiru.


 

Naannoo isaaniitti gamtaadhaan gurmaa'anii kan oomishan dargaggoonni fi qonnaan bultoonni mataa isaanii bira darbuun lammiilee biroosaaniif carraa hojii babal'aa kan uuman ta'uu ibsaniiru.

Waliigalatti jijjiiramoonni kunniin qonna Itoophiyaa  hirkattummaa roobaa jalaa  baasuun  mala aadaa irraa fooyyessuudhaan gara makaanayizeeshinii jallisii, fi mala ammayyeessuun omishuutti   ceesisaa kan jiran ta’uusaaf agarsiistuu ijoodha jedhaniiru.

 Kunis dhiheessii nyaataa fooyyessuu bira darbee madda galii, carraa hojii fi sharafa alaa dabaluuf gumaacha gochaa kan jiru ta'uu ibsaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015