Hirkattummaa Roobaa jalaa ba’uun gara Makanaayizeeshinii Jallisiitti ce'uun milkaa'ina gurguddoo damee Qonnaa Itoophiyaa keessaa isaan ijoodha - ENA Afaan Oromoo
Hirkattummaa Roobaa jalaa ba’uun gara Makanaayizeeshinii Jallisiitti ce'uun milkaa'ina gurguddoo damee Qonnaa Itoophiyaa keessaa isaan ijoodha
Hagayya 27/2018 (ENA) – Hirkattummaa Roobaa irraa gara misooma jallisii fi makanaayizeeshinii ammayyaatti ce’uun taasifamaa jiru, qonna Itoophiyaa keessatti boqonnaa haaraa kan bane tarkaanfii seenaa qabeessa ta'uu isaa hayyoonni Yuunvarsiitii Jimmaa ibsan.
Bu’uura Dinagdee Itoophiyaa kan kan ta’e Qonni baroota dheeraaf mala aadaan maarashaa fi bishaan roobaan qofa irratti hirkatee turuun isaanii kan beekamudha.
Haalli kunis biyyattii jijjiirama qilleensaa fi hanqina wabii nyaataaf kan saaxilu ta'ee tureera.
Haa ta'u malee, waggoota dhihoo asitti babal'inaan hojiirra oolaa kan jiran kanneen akka misooma qamadii jallisii, oomishtummaa jallisii bonaa fi makanaayizeeshinii meeshaalee qonnaa, oomishtummaa damichaa sadarkaa ol'aanaadhaan jijjiiraa jiru.
Dhimma kana irratti ENA waliin turtii kan taasisan hayyoonni Yuunivarsiitii Jimmaa Itoophiyaan waggoota darban keessa qonna aadaa irraa ce'uudhaan gara Manaakaayizeeshinii misooma jallisii fi ammayyeessuu oomishtummaatti ceesisuuf tarsiimoowwan fi imaammata babal'aa hojiirra oolchaa jirti jedhaniiru.
Yuunvarsiitichatti barsiisaa fi qorataan Koleejjiin Qonnaa fi wal’aansa Beelladaa Dr. Waasihuun Hasan, jijjiiramni damee qonnaa keessatti mul'ate hanga oomishaa bira darbee sirna oomishtummaa kan jijjiiru ta'uu isaa ibsaaniiru.
Keessattuu babal'achuun misooma jallisii qonni hirkattummaa roobaa irraa akka bilisa ta'u kan taasise yoo ta'u, kunis waggaa keessatti waqtiiwwan adda addaatti oomishuu dandeessisuudhaan waqtii oomishaa babal'iseera.
Jijjiirama damee qonnaa kanaaf agarsiistuu kan biroo Makanaayizeeshiniin babal'achuu isaa ta’uu hayyoonni kun ibsaniiru.
Haaluma kanaan, toftaalee qonna aadaa irraa gara meeshaalee ammayyaa kanneen akka tiraakteraa fi maashinaroota qonnaa biroo fayyadamuu, kan haamuu fi dhahuun hojii makanaayizeeshiniitiin raawwachuuf tattaaffiin taasifame jijjiirama saffisaa qonna irratti mul'atuuf agarsiistuu isa tokkodha jedhaniiru.
Kunis yeroo humna namaatiin fudhatamuu fi qisaasama omishaa hir'isuun, oomisha qulqullinaa fi baay'inaan dabaluuf gumaacha gochaa jira.
Dabalataanis, babal'achuun misooma qamadii jallisii bonaa Itoophiyaan fedhii qamadii mataa ishee bira darbee gara gabaa alatti erguuf kan dandeessise jijjiirama qonnaa ijoodha jedhaniiru.
Sana malees, sosochiinsii sagantaa maaddii guutuun qonna qe’ee ofiin, misooma loonii, lukkuu fi horsiisa kannisaan hojjetaman sirna nyaata maatii fooyyessuu bira darbee galii dabalataa uumuuf carraa kan bane ta'uu kan dubbatan immoo Yuunvarsiitii Jimmaatti Diinii Kolleejjiin Qonnaa fi wal’aansa Beelladaa fi wal’aansa Beeyladaa fi ogeessa misooma biyyee, kunuunsa biqiltuu fi qulqullinaa Dr. Salamoon Tulluu ibsaniiru.
Haaluma kanaan oomishni Aannanii fi hanqaaquu dabaluu isaa ibsuun, hawaasni baadiyyaa fi magaalaa hojiiwwan qonnaa kana irratti bal'inaan akka hirmaatu taasifamuu ibsaniiru.
Oomisha midhaaniitiin alatti hojiiwwan misooma kuduraa fi fuduraa irratti hojjetamanis Itoophiyaaf galii sharafa alaa dabaluuf gumaacha taasisuu isaaniif akka fakkeenyaatti ibsaniiru.
Keessattuu babal'achuun oomisha avokaadoo fi Al- ergiin bunaa galii ol'aanaa galchuu isaanii jijjiirama gurguddoo damichaan kan mul'atan keessaa isaani ijoodha jedhaniiru.
Guddina fi babal'ina oomishaa bira darbee qonni waggoota darban keessa namoota baay’eef carraa hojii kan uume ta'uu dubbataniiru.
Naannoo isaaniitti gamtaadhaan gurmaa'anii kan oomishan dargaggoonni fi qonnaan bultoonni mataa isaanii bira darbuun lammiilee biroosaaniif carraa hojii babal'aa kan uuman ta'uu ibsaniiru.
Waliigalatti jijjiiramoonni kunniin qonna Itoophiyaa hirkattummaa roobaa jalaa baasuun mala aadaa irraa fooyyessuudhaan gara makaanayizeeshinii jallisii, fi mala ammayyeessuun omishuutti ceesisaa kan jiran ta’uusaaf agarsiistuu ijoodha jedhaniiru.
Kunis dhiheessii nyaataa fooyyessuu bira darbee madda galii, carraa hojii fi sharafa alaa dabaluuf gumaacha gochaa kan jiru ta'uu ibsaniiru.