Tamsaasa Kallatti:

Eenzoo Fernaandez Maanchistar Siitiitti deeme

‎Hagayya 27/2018(ENA): Sa'aatii xumuraa gabaa jijjiirraa taphattootaa kan waqtii Gannaa Maanchistar Siitiin sirriitti dhimma itti baheera.

Siitiin lammii Arjeentinaa taphataa Cheelsii Eenzoo Fernaandeez Paawundii Miliyoona 125'n mallatteessifachuu ifoomsera.

Tooteenhaam immoo Maayikaloo Muudrikiin erga waggaa tokkoof turuun Cheelsiirraa fudhateera.

Eetaan Niwaaneeriin waliigaltee ergaa waggaa tokkoof turuun Arseenaal irraa gara Boorshiyaa Doortimanditti imaleera.

Monaakoon Laamiin Kaamaaraa Cheelsiitti,Foolariin Baalooguun ammoo Evarteenitti gurguruuf kan ture lamaanuu osoo hin milkeessiin hafeera.

#Ena Afaan Oromoo #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015