Guyyoota Qaammee Moggaasaa fi Akkaataa Kabaja Isaanii - ENA Afaan Oromoo
Guyyoota Qaammee Moggaasaa fi Akkaataa Kabaja Isaanii
Deetaan ministeera Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Kabbadaa Deessisaa ibsa kennaniin maal jedhan?
Qaammee 1: Guyyaa Oomishtummaa
Guyyaan kun Itoophiyaan imala guddina suuta-suutaa keessaa bahuun milkaa'ina guddaa itti galmeessite kan itti yaadatamudha. Keessattuu, jijjiirama bu'uuraa Itoophiyaan galmeessiste kan itti kabajamu ta'uu eeraniiru.
Qaammee 2: Guyyaa Olka'iinsaa
Guyyaan kun imala Itoophiyaan gara guddina dinagdee fi hawaasummaa hundagaleessaatti cehuu ishee agarsiisu dhiyeessuun kan kabajamudha. Itoophiyaan hudhaa duubatti ishee harkisu keessaa kan baatuu fi deebitee mudhii itti hidhachuun kallattii haaraa qabachuun ishee kan itti mul'atudha.
Qaammee 3: Guyyaa Cichoominaa
Guyyaan kun obsaa fi cichoomina seenaawaa itti fufsiisuu kan itti agarsiisnudha. Guyyaan Cichoominaa Gootonni kan itti yaadatamanii fi Gootonni haaraan kan itti uumaman ta'uu ibsaniiru. Guyyaa sana ganama sa'aatii 12:00 (obboroon) irratti sagantaan alaabaa ol kaasuu kan raawwatamu ta'uus ibsaniiru.
Qaammee 4: Guyyaa Daneessummaa
Gochaawwan tokkummaa cimsuun kan raawwatamu ta'uu ibsaniiru. Taateewwan aadaa tumsaa fi marii gabbisaniin kan kabajamu ta'uu dubbataniiru. Guyyaa sana namoota kuma 150’f tajaajilli fayyaa tolaa kan kennamu ta'uu eeraniiru. Ispoortiin, deeggarsi barattootaa, nyaata qooddachuu fi dhiiga arjoojuun gochaawwan guyyaa sana raawwataman keessaa kan eeramanidha.
Qaammee 5: Guyyaa Egeree
"Guyyaa Boruu" mata duree jedhuun kan kabajamu ta'uu ibsuun; qophiilee bu'uura misooma dijiitaalaa fi ammayyummaa hubannoo namtolchee (AI) bu'uura godhataniin kan kabajamu ta'uu dubbataniiru.