Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Harariitti sosochiin barumsi dhalootaaf jedhu maneen barumsaa mijataa gochuudhaan lammii dorgomaa uumuuf gargaaraa jira

Hagayya 27/2018 (ENA)- Naannoo Harariitti sosochiin barumsi dhalootaaf jedhu maneen barumsaa baruu fi barsiisuuf mijataa gochuudhaan lammii dorgomaa uumuuf gargaaraa jiraachuu biiroon barnootaa naannichaa beeksise.

Sosochiin barumsi dhalootaaf jedhu sadarkaa maneen barumsaa fooyyessuu, bakka baruu fi barsiisuu mijataa uumuu fi waliin gahiinsa barnootaarratti xiyyeeffateera.

Hawaasaa fi direeyyii sosochii kanarratti hirmaachisuudhaan barattoota sooruu fi maneen barumsaa haaromsuudhaan hojii baruu fi barsiisuuf mijeessuu irratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jira.


Hojii kun hojjetamuusaatiin barattoota barumsa addaan kutan hambisuurra darbee qulqullina mirkaneessuuf waan gargaareef lammii ga’oomaa fi dorgomaa uumuuf gumaacha olaanaa gumaachaa jira.

Sosochiin kun naannoo Harariittis cimee itti fufuusaa hogganaan waajjira barnootaa naannichaa obbo Geetuu Nagawoo ENA’f ibsaniiru.

Tajaajila tola ooltummaa waliin walqabsiisuudhaan hawaasnii fi dureeyyiin deeggarsa akka godhan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.


Sosochiin barumsi dhalootaaf jedhu kun bu’ura misoomaa barumsaa guutuu fi maneen barnootaa miidhagaa fi baruuf barsiisuuf mijataa gochuuf gargaaraa jira jedhan obbo Geetuun.

Keessumaa qulqullina barnootaaf kan gargaaran maneen kitaabaa dijitaalaa gurmaa’uusaanii kaasaniiru.

Qaamolee qooda fudhattootaa sagantaa kana irratti hirmaachisuun ijoollee maatii harka qalleeyyii galteedhaan deeggaruuf akka gargaare ammoo biirichatti daarektarri sagantaa qulqullina barumsaa fi fooyyessa maneen barumsaa obbo Jaafar Mahaammad ibsaniiru.


Dursaan mana barumsaa sadarkaa lammaffaa olaanaa Harar Abbush Silashii akka jedhanitti, mana barumsichaatti sosochii barumsi dhalootaaf jedhu tola ooltota dhuunfaa waliin walitti fiduun manni kitaabaa dijitaalaa gurmaa’uusaa eeraniiru.

Barattoota deeggarsa barbaadan sosochii barumsi dhalootaaf jedhuun teeknooloojii dijitaalaa teeknooloojii dijitaalaa guutuun akka danda’ame dursaan mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Raas Mokonnon Misiraaq Xilaayee dubbataniiru.


Dureeyyii qindeessuudhaan galtee barumsaa guutuudhaan lammii ga’oomaa fi dorgomaa horachuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015