Tamsaasa Kallatti:

Dijitaalli Itiyoophiyaa guddina dameelee hedduu dhufe irratti gumaacha olaanaa taasiseera

Hagayya 27/2018 (ENA): Hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa guddinaa fi milkaa’ina dameelee hedduu keessatti galmaa’eef gumaacha olaanaa akka qabu ogeeyyiin damee kanaa ibsaniiru.

Itiyoophiyaan Raawwii Tarsiimoo Dijitaalaa bara 2025 milkaa’inaan xumuruun gara marsaa biraatti ce’uun Tarsiimoo Dijiitaalaa bara 2030 hojiirra oolchaa jirti.

Hojiirra oolmaan tarsiimoo damichaan guddina olaanaa galmeessisuun hojiirra oolmaa fi haaromsa dijitaalaa dameelee adda addaa keessatti boqonnaa guddaa baneera.

Dhimma kana irratti hayyoonni ENA waliin turtii taasias akka jedhanitti, hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa guddinaa fi milkaa’ina dameelee hedduu keessatti argameef gumaacha olaanaa taasiseera.

Guddinni damichaa kallattiinis ta’e al-kallattiin hojii qabatamaa dameelee adda addaa keessattuu barnootaa fi fayyaa waliin kan walqabatu ta’uu hayyoonni kunneen eeruun, barnootaa fi fayyaa dabalatee dameewwan tajaajilaa adda addaa keessatti bu’aa qabatamaa ta’e fiduu danda'niiru jedhan.

Yuunivarsiitii Dillaatti Daarektarri walitti hidhaminsa Industirii fi cehumsa Teeknooloojii Doktar Addisuu Faranjoo waggoota muraasa darban ijaarsa irraa kaasee hanga hojiirra oolmaa bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa hojiin mootummaan hojjetee fi bu’aan argame dinqisiisaa ta’uu ibsaniiru.

Faayidaa adda baasuun, tajaajilli dhaabbata tokkoo Ministeera Maallaqaa fi hojiiwwan qabatamaan kanaan walqabatan biroo lammiileen tajaajila saffisaa akka argataniifi malaammaltummaa akka ittisan taasiseera jedhan.

Akkasumas leenjiin Itiyoo Koodarootaa dargaggoonni keessumaa dargaggoonni damee kanarratti beekumsa akka horataniifi dorgomtoota gahumsa qaban ta’uun carraa hojii akka uumuuf gargaareera jedhan.

Akka biyyaattis tajaajiloonni masoob fi faayidaan hojiirra oolaa jiru bu'aa olaanaa galmeessisaa jira jedhan.

Tajaajilli yunivarsiitichaa hedduun karaa dijitaalaa kan raawwatamaa jiru ta’uu eeruun, dandeettii kalaqaa dargaggoonni damee kanarratti qaban guddisuuf leenjiin gama bulchiinsa humna namaa fi roobootikii irratti kennamaa akka jiru hubachiisaniiru.

Yunivarsiitichatti barsiistuu fi qorattuu saayinsii kompiitaraa fi itti gaafatamtuu damee Dijitaalaazaayizeeshinii Tajaajila Hawaasaa fi Pirojektoota Alaa kan ta’an Sennaayit Mootii, hojiirra oolmaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii, tajaajilaa fi dameewwan biroo keessatti dandeettiin uumame olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Sirni dijitaalaa kenniinsa tajaajilaa fi akkaataa jireenyaa ta’aa akka jiru, ergaa waljijjiiruu irraa kaasee hanga tajaajila kamiyyuu waraqaa malee kennuu fi fudhachuutti hojiin tajaajila kamiyyuu babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru.

Dhaabbileen barnoota olaanoo hubannoo hawaasaa damee kanaa guddisuun wiirtuu hojiirra oolmaa dijitaalaa damee kanarratti ta’uun Dijiitaalaa 2030 dhugoomsuuf hojjechaa jiraachuus hubachiisaniiru.

Hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 damee dinagdee, hawaasummaa fi bulchiinsaa biyyattii keessatti jijjiirama bu’uuraa fi tarkaanfataa fiduun isaa ni beekama.

#Ena Afaan Oromoo #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015