Guyyoonni Qaammee haala milkaa’inootaa fi qormaatilee Itiyoophiyaan dandeettii injfachuu qabdu agarsiisaniin kabajamu-Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa - ENA Afaan Oromoo
Guyyoonni Qaammee haala milkaa’inootaa fi qormaatilee Itiyoophiyaan dandeettii injfachuu qabdu agarsiisaniin kabajamu-Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa
Hagayya 27/2018 (ENA): Guyyoonni Qaammee haala milkaa’inootaa fi qormaatilee Itiyoophiyaan dandeettii injfachuu qabdu agarsiisaniin kabajamu Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ibse.
De’eetaan Ministira Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa obbo Kabbadaa Deessisaa qophii fi moggaasa guyyoota Qaammee shanan kabaja jala bultii ayyaana waggaa bara haaraa 2019 ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Guyyoonni Qaammee yeroo milkaa’inoota biyyaalessaa gurguddoo fi bu’aawwan tarkaanfataa waggoota darban keessatti galmaa’an yaadachuu fi ummatattii beeksisuu akka ta’e akeekaniiru.
Yeroon kun yeroo dandeettii qormaata walxaxaa irra aanuu fi muuxannoowwan milkaa’inaaf geenye waliif qoodnudha jedhan.
Guyyoota Qaammee shanan jala bultii ayyaana waggaa bara haaraa 2019 akka biyyaatti qophii fi maqaa adda addaatiin kabajuuf hojiin qophaa’inaa hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Guyyoonni kunniinis oggaasa mataa isaanii qabu.
Guyyootni Qaammee bara kanaas labsii olka’iinsaaf bu’uura kan kaa’aan yoo ta’u, guyyootni shananuu moggaasa ofii isaanii kan qabanidha.
Qaammee 1: Guyyaa Oommishtummaa
Qaammee 2: Guyyaa Olka’iinsaa
Qaammee 3: Guyyaa Cichoominaa
Qaammee 4: Guyyaa Daneessummaa
Qaammee 5: Guyyaa Egeree jedhamuun sirnoota gara garaan akka kabajaman ibsaniiru.
Guyyoonni kun akka biyyaatti naannolee, bulchiinsa magaalotaa, Imbaasiiwwan Itiyoophiyaa fi miseensota hawaasaa addunyaa hunda keessatti akka kabajamu akeekaniiru.
Barri haaraan kun yeroo Itiyoophiyaan imala haaromsaa fi guddina eegalte itti fuftu ta’uu ibsaniiru.
De’eetaan Ministiraa kuni Ummata biyyichaaf barri haaraan kan badhaadhinaa, walta’iinsaa fi jaalalaa akka ta’uuf hawwii guddaa qaban ibsaniiru.