Tamsaasa Kallatti:

Kaayyoon keenya hawaasa daawwatummaa irraa gara hirmaattummaa dinagdee, omishaafi invastimantiitti ceesisuudha- Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, kallattii tarsiimawaa jijjiirama dinagdee naannichaaf murteessaa ta'e bocuun sochii eegaleera.

Innis hawaasa keenya daawwatummaa dinagdee irraa gara hirmaattummaa guutuu oomishaa, invastimantiifi qabeenya umuutti ceesisuudha.

Murtoon tarsiimawaa kun kaayyoo siyaasaa qofa osoo hin taane, bu'uura tarsiimoo qabeenya mootummaafi hawaasaa gara sirna oomishtummaatti qajeelchuufi dhaabbilee faayinaansii naannichaa kan qajeelchudha.

Akka "Karoora Of-danda'uu" Naannoo Oromiyaatti, milkaa’inni dhaabbilee faayinaansii; keessumaa Baankii Siinqee, kuufama kaappitaalaa qofaan osoo hin taane, hangam kaappitaala sana gara oomishtummaa, intarpiraayizoota babal’isuu, carraa hojii uumuufi jireenya hawaasaa jijjiirutti ceesisuudhan kan madaalamudha.

Bu'uurri tarsiimoo kanas, faayinaansii oomishaa (productive finance) dameewwan murteessoo dinagdee keessatti faayidaa olaanaa qabanirra oolchuudha.

Tarsiimoon mootummaa kun qonnaan bultootaafi horsiisee bultootaa, akkasumas Interpiraayizoota xixxiqqaaf tajaajila liqiifi faayinaansii mijataa dhiyeessuudhaan oomishtummaa qonnaa ammayyeessuufi galii isaanii guddisuuf dursa kenna.

Kana malees, dandeettiifi yaada dargaggootaafi dubartootaa gara intarpiraayizoota giddugaleessaafi xixiqqootti jijjiiruuf deeggarsa kaappitaalaa, liiziifi gorsa faayinaansii dhiyeessuun akka milkaa'an kan gargaarudha.

Dabalataanis hirmaannaa faayinaansii walqixaafi hammataa ta’e lammiileef dhiyeessuuf, tajaajila faayinaansii dijitaalaa babal’isuun, keessumaa tajaajila dijitaalaa Wabii Baankii Siinqeen fayyadamummaa hawaasaa sadarkaa adda adaarra jiran mirkaneessurratti argama.

Tarsiimoon faayinaansii kun imaammata dinagdee bal’aa Oromiyaa Soveriin Fandii (OSF) waliin walitti hidhata cimaa kan qabuudha.

OSF’n qabeenya mootummaa tarsiimoon qindeessuun kaappitaala gara dameewwan oomishtummaa olaanaa qabaniitti gaggeessaa kan jiruudha.

Kanaan walqabatee, Garee Siinqee keessatti tajaajila Baankii, Liizii, Inshuraansiifi Invastimantii walitti hidhuun sirna faayinaansii guutuufi wal-utubuu danda'u ijaaruun danda’ameera.

Sirni faayinaansii walitti hidhame kun kuufama kaappitaalaa irraa kaasee hanga wabii inshuraansii, dhiyeessii liiziifi invastimantii tarsiimawaatti abbootii qabeenyaafi intarpiraayizoota gargaaruun imala sochii dinagdee naannicha kan ariifachiisudha.

Bu'aan madaallii tarsiimoo kana kan safaramus oomisha galma’een, carraa hojii uumameen, galii maatii fooyya’eeniifi galma "Of-danda’uu Oromiyaa" dhugoomeeni.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa kaappitaala gara dameewwan oomishtummaa olaanaatti ceesisuuf invastimantii dhuunfaa dadammaksuu, faayinaansii dijitaalaa babal’isuufi qonna ceesisuu irratti kan xiyyeeffatu ta'a.

Walumaagalaan, kaappitaalli kuufame gara oomishtummaatti, oomishtummaan gara invastimantiitti, invastimantiin gara carraa hojiitti, carraan hojii ammoo gara jireenya fooyya'aa ummata keenyatti yoo jijjiirame qofa imaammanni faayinaansii keenya galma kan gahu yoota'u, mootummaanis, Baankiin Siinqee dhaabbata faayinaansii ummataa ta’e akka guddattuufi ergama isaa guutumaan guutuutti akka bahatu deeggarsaafi hordoffii barbaachisaa kan gaggeessu ta'a.

Maddiin, Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015