Tamsaasa Kallatti:

Godina Arsiitti midhaan lafa hektaara kuma 968 irratti qonna gannaatiin misoome haala gaariirratti argama

Hagayya  27/2018(ENA) - Godina Arsiitti midhaan lafa hektaara kuma 968 caalu irratti qonna gannaatiin misoome haala gaariirratti akka argamu waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.

Godinni Itiyoophiyaa keessaa bakkeewwan midhaan ijoo misoomsan keessaa tokko yoo ta’u, keessumaa oomisha dheedhii fi Qamadiitiin oomishtummaa qonnaa biyyattii deeggaruudhaan qooda olaanaa qaba.


Haalli qilleensaa mijataa fi biyyoon gabbataan naannawichaa milkaa’ina qonna gannaaf gumaacha guddaa kan gumaachudha.


Waajjira qonnaa odinichaatti itti gaafatamaan adeemsa hojii misoomaa fi kunuunsa midhaanii obbo Huseen Gammadaa ENAtti akka himanitti, oomishaa fi oomishtummaa qonnaa godinichaa guddisuu fi birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf galma akeekame milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Lafa Sanyiin facaafame keessaa lafti hektaara kuma 775 caalu kilaastaraan kan mmisoomee fi gurmaa’insa qonnaan bultootaa kuma 38 ol uumuusaa dubbataniiru.

Lafa sanyiin facaafame keessaa hektaara kuma 515 kan caalu Qamadiin facaafamuu kan ibsan obbo Huseen, bara oomishichaatti Qamadii qofa kuntaala miil. 22 ol walitti qabuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Godinichatti bara oomishaa 2018/19 walumaa gala lafa hektaara kuma 968 fi 384 irraa midhaan kuntaala miiliyoona 36 tuqaa 8 ol galchuuf hojjechaa jirra jedhaniiru.


Xaa’oo fi sanyiin filatamaan kuntaala miil. 1 tuqaa 1 caalaan qonnaan bulaaf dhihaachuu dubbataniiru.

Sanyii ijoo ta’an kanneen akka Qamadii, Garbuu Biiraa, Boqqooloo fi midhaan dheedhii godinichatti facaafamuu ibsaniiru.

Akka biyyaatti galma gargaaramuurraa gara oomishtummaatti cehuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf akeekame milkeessuuf midhaan ijoo ta’an keessumaa inisheetiivii Qamadii fi Garbuu Biiraa irratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015