Tamsaasa Kallatti:

Dandeettii keessoo Cimsuu hanga birmadummaa hunda galeessatti: Boqonnaa cichoominaa Itoophiyaa

Itoophiyaan rakkoolee diinagdee idil-addunyaa fi dhiibbaawwan jii’oopolitikaa dandamachuun, qormaata gara carraa seenaa qabeessaatti jijjiiruun kan danda’amu dandeettii keessoo qabaachuu malee, hirkattummaa alaarratti akka hin taane qabatamaan agarsiisteetti.

Mootummaan waggoota jijjiiramaa darban keessatti bu’uuraalee misoomaa fi Hammattoowwan misoomaafi riifoormii mootummaan waggoota jijjiiramaa darban keessatti boce biyyattii dhiibaa alaa jalaa baasuun qormaata kam keessattuu kan hin mo’amne, birmadummaa hunda hammataa ta’e ijaaruuf bu’uura kaa’aa jira.

Riifoormiin damee qonnaa keessatti taasifame oomishtummaa guddisuu fi hirkattummaa roobaa hir’isuun, seenaa dheeraa gargaaramtummaa Itiyoophiyaa cabsuun, gara boqonnaa haaraa wabii midhaanii nyaataa mirkaneessutti ceesisuu danda’eera.

Misooma qamadii jallisii bonee, qonna kilaastaraa fi fayyadama teeknooloojii keessatti milkaa’inni galmaa’e, haala qabatamaa Itiyoophiyaan qamadii gargaarsa alaa irraa argamu irratti hirkachaa turte jijjiiruun, oomisha biyya keessaan of danda’uu bira darbee, hafe biyyoota ollaa dhiyeessuun akka danda’amu bu’aa qabatamaa agarsiiseera.


Indaastiriin oomishaa dandeettii oomishuu fi sadarkaa idil-addunyaatti dorgomtummaa fooyyessuun, qulqullinaa fi sona oomisha albuudaa dabaluun, dhiibbaa liqii alaa hir’isuun, akkasumas gabaa sharafa alaa tasgabbaa’aa uumuu fi diinagdee gooroo tasgabbaa’aa mirkaneessuun, qaala’iinsa jireenyaa to’achuurratti milkaa’inni guddaan galmaa’eera.

Paarkoonni industirii kanneen akka Lammi Kuraa fi Qilinto ce’umsa teeknooloojii mirkaneessaa jiru. Oomiishaaleen simintoo, sibiilaa fi keemikaalaa fedhiin biyya keessaa gahumsaan akka guutamu taasisaniiru.

Kana malees, albuudota gati jabeeyyii kanneen akka warqee fi taantaalamii hojimaata daldala meeshaalee dheedhii jalaa baasuun, biyya keessatti akka qulqullaa’an, sona dabaluun gara biyya alaatti akka ergaman taasisuuf tattaaffiin taasifame, cichoomina diinagdee keenya cimsaa jira.


Imaammanni oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuu hojiirra oolee fi fooyya’iinsi sirna gibiraa, dandeettii biyya keessaa cimsaa, bilisummaa baajataa keenya mirkaneessaa itti fufaniiru.

Damee dijitaalaa, anniisaa, misooma qabeenya namaa fi fayyaa keessatti fooyya’iinsi bal’aan taasifame, teeknooloojii, anniisaa fi dhiyeessii meeshaalee yaalaan of danda’uuf dandeettii uumeera.

Sirni eenyummeessaa biyyaalessaa “Faaydaa” fi sirni kaffaltii dijitaalaa, daataa lammiilee to’annoo fi eegumsa dhaabbilee alaa jalaa ture irraa bilisa baasuuf gumaacha godhaniiru.

Paarkiin Farmaasiyuutikaalaa Qilinxoo fi industiriiwwan oomisha qorichaa biyya keessaa biroon qorichawwan bu’uuraa, oksijiinii yaalaa fi dhiyeessii talaallii biyya keessatti oomishuun, wantoota alaa irraa galan hir’isuudhaan, damee fayyaa keessatti dandeettii birmadummaa cimsan uumiiru.


Kana malees, sirna kalaqaa dargaggootaa fi dandeettii dijitaalaa guddisuuf hojiiwwan istaarit-appii taasifaman, bu’uuran dandeettii keessoo keenyaa Cimsuu keessaa tokko ta’aniiru.

Hidha Guddicha Haaromsaa Itoophiyaa dabalatee, maddoota anniisaa haaromfamaa fi sagantaan Asharaa Magariisaa dandeettii dhiyeessii anniisaa guddisuun Itoophiyaa madda anniisaa haaromfamaa naannichaa taasisuu danda’aniiru.

Akkasumas, saaxilamummaa jijjiirama qilleensaa damdamachuun fakkeenya ta’uun danda’ameera.

Damee dipilomaasii fi ji’oopoolitikaa keessattis, biyyattiin miseensa BRICS ta’uun, Naannoo Daldala Walaba Afrikaa fi waltajjiiwwan idil-addunyaa biroo keessatti faayidaa waloo fi imaammata hariiroo alaa walaba ta’eef dursa kennuun, ejjennoo birmadummaa ishee cimsatteetti.

Dandeettii loltummaa olaanaa dhaabbileen nageenyaafi Raayyaa Ittisa Biyyaa ijaaran fi dandeettiin keessoo ofiin oomishuus danda’uu keenyaaf ragaa ta’uu bira darbee, mallattoo kabaja biyyaalessaa ta’aniiru.

Milkaa’inoota kana hundaaf abbaa kan ta’e uummanni keenya, yeroo ammaa hoggansa mootummaa Ida’amuu, ilaalcha gargaaramtummaa waggoota dheeraa cabsee bahuun, damee hundaan seenaa haaraa barreessuu jalqabeera.

Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015