Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa 2019tti barattoota miiliyoona 13 ol simachuudhaan barsiisuuf qophiin xumurameera - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa 2019tti barattoota miiliyoona 13 ol simachuudhaan barsiisuuf qophiin xumurameera
Hagayya 27/2018 (ENA) - Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa 2019tti barattoota miiliyoona 13 ol simachuudhaan barsiisuuf qophiin barbaachisu xumuramuu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksiseera.
Hogganaan biirichaa Dr. Tolaa Bariisoo akka ibsanitti; bara barnoota haaraa kanaatti adeemsa baruu fi barsiisuu bu'aa qabeessa taasisuu fi qabxii barattootaa fooyyessuuf hojiiwwan dandeessisan dursanii hojjetamaniiru.
Kaniinis naannicha keessatti manneen barnootaa Idileen duraa kuma 37 fi 127 mana barumsaa idilee keessatti barattoota miliyoona 13tuqaa 5 simachuun barsiisuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.
Bara kanatti hirmaannaa hawaasaa fi tajaajila lammummaatiin manneen barnootaa Idileen duraa kuma 1 fi 597, sadarkaa 1ffaa 284, fi sadarkaa 2ffaa 23 akkasumas kutaawwan barnootaa dabalataa haaraan hedduun ijaaramuu isaanii eeraniiru.
Ijoollee irratti hundee jabaa kaa'uudhaan dhaloota gahumsaa fi dorgomaa ta'e horachuuf karoorfamee hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiraachuu eeranii; fakkeenyaaf manneen barnootaa Idileen duraa 695 fi sadarkaa 1ffaa 728 moodeela gochuun danda'amuu isaaniis kaasaniiru.
Naannichatti baadiyyaa keessatti manneen jireenyaa barsiisotaa kuma 19 fi 752 ijaaramuu isaanii kan eeran Dr. Tolaan dandeettii barsiisotaa cimsuufis leenjiwwan gaggabaaboo fi dheeraa adda addaa kennamuu isaanii ibsaniiru.
Bara kanatti kitaaba barnootaa idileen duraa fi sadarkaa 1ffaa miiliyoona 20 fi kuma 600 ol maxxanfamanii qophaa'uu isaanii kan ibsan hoogganichi; hanga ammaatti miliyoonni 2 manneen barnootaatiif raabsamuu isaanii dubbataniiru.
Beekumsa teeknoolojii barattootaa guddisuuf kan dandeessisan paarkii dijiitaalaa 117, manneen kitaabaa fi mana kitaabaa qophaa'uu isaaniis dabaluun ibsaniiru.
Keessattuu manneen barnootaa lafa qaban kuduraa, muduraa fi horsiisa beeyladaatiin misoomsuudhaan sagantaa nyaata barattootaatiif galteewwan barbaachisan of danda'anii akka guuttaniif sochii taasifamuus dubbataniiru.
Tajaajila tola ooltummaa gannaan ga'eessota dabalatee barattoota kutaalee 6ffaa, 8ffaa fi 12ffaatti darbaniif barnoonni deeggarsaa kennamaa jiraachuu ibsaniiru.
Itti aanaan hogganaa biirichaa Dr. Kasaahun Galaanaa gamasaaniitiin ENAtti akka ibsanitti; kanaan dura 'Buusaa Gonofaa Oromiyaatiin tajaajila nyaata barattootaa kennamaa ture sirna kanaan walqabatu ammayyeessuu fi sadarkaa fooyya'aatti gurmeessuu fi saganticha bal'inaan dhaqabamaa taasisuuf qophiin ga’aan taasifamuus ibsaniiru.
Haaluma kanaan naannichatti barattoonni miiliyoona 7tuqaa 4 sagantaa nyaata manneen barnootaatiin fayyadamoo akka ta'an dubbataniiru.
Tajaajila tola ooltummaa gannaan barattoota harka qal’eeyyii deeggaruuf mootummaan, dhaabbileen miti-mootummaa fi arjoomtonni uffata yuuniifoormii, dabtaraa fi meeshaalee barnootaa biroo dhiheessaa jiraachuu isaanii ibsaniiru.
Manneen barnootaa naannichaa keessatti galmeen barattootaa gaggeeffamaa jiraachuu kan eeran hogganichi bara barnootaa 2019tti manneen barnootaa hunda keessatti adeemsi baruu fi barsiisuu Fulbaana 5 bara 2019 irraa jalqabee kan eegalu ta'uu beeksisaniiru.