Tamsaasa Kallatti:

Godina Boorana bahaatti oomishni Buusaa Gonofaa cimsuuf Arfaasaa facaafame walitti qabamaa jira

Hagayya 27/2018 (ENA)- Godina Boorana bahaatti Buusaa Gonofaa cimsuuf lafa Arfaasaa baranaa facaafame irraa midhaan kuntaala kuma torba caalu walitti qabuusaa waajjirri Buusaa Gonofaa godinichaa beeksise.

Buusaa Gonofaan lammiilee naannoo Oromiyaatti sababa garagaraan rakkoof saaxilaman deeggarsa si’ataa fi fulla’aa kennuuf, soda balaa hir’isuuf akkasumas aadaa fi duudhaalee hawaasaa hawaasni ittiin wal gargaaru jiddu galeessa godhachuun kan dhaabbatedha.

Keessumaa naannichatti hongee fi balaawwan uumamaa irra deddeebi’ee kan keessatti mudatu bakkeewwan akka Boorana bahaatti wabii nyaataa mirkaneessuu fi humna ofiin balaawwan qolachuuf xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Godinichatti omishni kuntaala kuma torba caalu kan Arfaasaa facaafamerra kan walitti qabames kuusaa midhaanii Buusaa Gonofaa cimsuurra darbee, balaawwan battalia yeroo mudatan humna ofiitiin deebii hatattamaa kennuuf gumaacha ni qabaata.

Bakka bu’aan Buusaa Gonofaa godina Boorana Bahaa obbo Waariyoo Hasan ENA’f akka beeksisaniitti, waajjirichi balaawwan nam-tolchee fi uumamaa godinichatti mudatan deebii hatattamaa kennuuf bakkeewwan garagaraatti midhaan oomishuurratti argama.

Godinichatti lafa hektaara 172 yeroo jalqabaaf facaasaa Arfaasaa baranaatiin misoomerraa Qamadii, Xaafii Fi Boqqoolloo kuntaala kuma 7 fi 130 walitti qabamuu ibsaniiru.

Misoomni kun Buusaa Gonofaan of danda’ee misoomsuuf hojjechaa akka jiruu fi balaawwan nam-tolchee fi uumamaa humna ofiin dandamachuuf kan yaadame ta’uu dubbataniiru.

Waajjirichi balaawwan nam-tolchee fi uumamaa humna ofiin damdamachuuf godinichatti miseensota kuma 481 ol horachuusaa ibsaniiru.

Bara bajataa kanatti qabeenya birrii  miiliyoona 179 ol walitti qabuun hongee fi rakkoowwan akkasii humna ofiin damdamachuuf hojiitti galuusaa eeraniiru.

Baatii tokko keessatti miseensotaa fi deeggartootarraa maallaqa calla birrii miiliyoona 48 ol walitti qabuusaa dubbataniiru.

Miseensota keessaa jiraataan magaalaa Nagallee Booranaa obbo Nagaash Hayiluu ENA’f akka ibsanitti, humna ofiin rakkoo damdamachuuf carraaqqiin taasifamaa jiru kan jajjabeeffamuu fi deeggaramudha.

Jiraataan magaalaa kanaa kan biraan obbo Gammachuu Gabbisaa gamasaaniin, Buusaa Gonofaan tokkummaa fi walooma kan cimsu ta’uu ibsaniiru.

Ammuma balaan uumamaa mudatu garhaarsa eeggachuu jalaa bahuun rakkoo mudatan humna ofiin furuuf carraaqqii taasifamu deeggaruun hunda keenyarraa eegama jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015