Aadaa fi Falaasama Ofiiitti deebi’uun Ijaarsa Biyyaa fi Misoomaaf murteessaadha - ENA Afaan Oromoo
Aadaa fi Falaasama Ofiiitti deebi’uun Ijaarsa Biyyaa fi Misoomaaf murteessaadha
Hagayya 26/2018 (ENA): Baroota dhiyoo asitti sochiin gara aadaa fi falaasama ofiiitti deebi’uu mul’achaa jiru, ijaarsa biyyaafi misoomaaf utubaa murteessaa ta’uu Ogeessi Saayinsii Siyaasaa fi Qunnamtii Idil-Addunyaa, akkasumas Daarektarri Qorannoo Dhimmoota Awurooppaa fi Ameerikaa Inistiitiyuutii Dhimma Alaa, Obbo Shimallis Hayiluu ibsan.
Itoophiyaan biyya seenaa, aadaa, duudhaa fi eenyummaa garaagaraa hedduu qabduudha. Aadaan uummata walitti fiduu, hariiroo hawaasaa cimsuu fi tokkummaa ummataa jabeessuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Obbo Shimallis, baroota dhiyoo asitti sochiin gara duudhaa ofiiitti deebi’uu, akkasumas aadaa dhalootaa haala yeroo waliin madaqsuun itti fayyadamuun mul’achaa jiru cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru.
Falaasama kana nageenya, misooma, tokkummaa fi ijaarsa biyyaatiif qabeenya keessaa fayyadamuun barbaachisaa ta’uu irratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jiru caalaatti cimsuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Keessattuu ayyaanota aadaa akka Goobee fi Shinoyyee, Shadaay, Ashandaa, Soolaal fi kanneen biroo dabalatee sochiileen aadaa garaagaraa naannolee biyyattii keessatti babal’achaa jiraachuu ibsaniiru.
Sochiileen aadaa kunneen uummanni eenyummaa isaa akka beeku, akka of jaallatu, akka of kabaju, akkasumas duudhaa fi aadaa isaa dhaloota itti aanuuf akka dabarsuuf gahee olaanaa qabu jedhaniiru.
Aadaa akka sochii bashannanaa qofaatti ilaaluu irra, sirna hawaasummaa, diinagdee fi turizimii keessatti qooda olaanaa qabaachuu akka danda’u hubachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Kanaafis, aadaa siyaasaa fi tuttuqaa biroo irraa bilisa taasisuun, bu’uura isaa irratti qorachuun, haala yeroo waliin madaqsuu fi teknooloojii ammayyaa waliin walitti hidhuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Gama diinagdeetiinis carraan sochii aadaa irraa argamu guddaa ta’uu ibsanii, yeroo ayyaanota aadaa namoonni baay’een magaalotaafi naannolee garaagaraa irraa walitti dhufuun daldalaa fi tajaajila garaagaraaf carraa bal’aa uumuu akka danda’u himaniiru.
Sochiiwwan akkanaa daldala, tajaajila geejjibaa, nyaataa fi dhugaatii, uffata aadaa, dizaayinii fi oomishaalee harkaa babal’isuun galii guddaa uumuu akka danda’u dubbataniiru.
Keessattuu uffata aadaa dizaayinii ammayyaa waliin walitti makuun gabaa biyya keessaa fi alaa keessatti beeksisuun carraa hojii fi galii uumuuf bu’uura gaarii ta’uu danda’a jedhaniiru.
Aadaan damee turizimiifis qabeenya guddaa ta’uu ibsanii, Sirni Gadaa, ayyaanota aadaa fi duudhaan naannolee garaagaraa qorannoo fi qophii sirrii ta’een iddoowwan hawwata turistootaa taasisuun akka danda’amu eeraniiru.
Kanaaf, qorannoo saayinsawaa, gurmaa’ina, beeksisa, tajaajila turistii fi eegumsa hambaa walitti hidhuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Akkasumas, yeroo ayyaanota aadaa namoonni hedduun walitti qabamanitti tasgabbii, kabaja, naamusa hawaasummaa fi eegumsa qabeenyaa mirkaneessuun dhimma xiyyeeffannoo addaa kennamuuf qabu ta’uu ibsaniiru.
Hundumaa caalaa, sochiin gara aadaa ofiiitti deebi’uu kun hariiroo hawaasaa fi tokkummaa cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Ijoolleen waliin taphachuu, waliin sirbuu, aadaa isaanii barachuu fi seenaa isaanii beekuun eenyummaa isaanii hubachuu qofa osoo hin taane, dhaloota wal hubatu, wal kabaju fi tokkummaa biyyaatiif dhaabbatu ijaaruuf bu’uura cimaa ta’a.
Kanaaf, aadaa fi duudhaa biyya keenyaa eeguu, qorachuu, ammayyeessuu fi dhalootaaf dabarsuu jechuun seenaa qofa tikfachuu osoo hin taane, carraa misoomaa, turizimii, diinagdee fi ijaarsa biyyaaf fayyadamuudha.