Naannoo Oromiyaatti Omisha Avokaadoo Kuntaala Miiliyoona 10 eegamu keessaa miliyoonni 2 walitti qabame- Biiroo Qonnaa Oromiyaa - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti Omisha Avokaadoo Kuntaala Miiliyoona 10 eegamu keessaa miliyoonni 2 walitti qabame- Biiroo Qonnaa Oromiyaa
Hagayya 26/2018(ENA): Naannoo Oromiyaatti Omisha Avokaadoo Kuntaala Miiliyoona 10 eegamu keessaa miliyoonni 2 walitti qabamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa ibse.
Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu, naannichatti biqiltuu Avokaadoo lafa heektaara kuma 81 irratti dhaabame keessaa heektara kuma 40 ol irraa omishni walitti qabameera jedhan.
Omisha Avokaadoo gabaa alaatiif dhiheessuuf karoorfame kuntaala kuma 11 keessaa hanga ammaatti kuntaalli 2,500 gabaa alaaf dhihaachuus himaniiru.
Hogganaa Itti aanaan Biiroo Daldala Oromiyaa obbo Tasfaayee Gashoo gama isaaniitiin, qonnaan bulaan omisha isaa kallattiidhaan gabaatti akka bahu hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Qonnaan bulaan ni omisha, mootummaan ammoo gabaa uuma kan jedhan obbo Tasfaayee, kanaanis galiin qonnaan bulaa akka dabalu hojjetamaa jiraachuu dubbatiiru.
Omishni Avokaadoo naannoo Oromiyaa irraa argamu gabaa alaatti barbaadamaa ta'uunis eerameera.