Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Harariitti tajaajila tola ooltummaa gannaan hojiin lammiilee harka qalleeyyii fayyadamaa taasisaan hojjetamaa jiru– Pirezidaanti Ordiin Badrii

Hagayya 26/2018 (ENA): Naannoo Harariitti tajaajila tola ooltummaa gannaattin hojiiwwan lammiilee harka qalleeyyii fayyadamaa taasisan bal’inaan hojjetamaa akka jiran Pirezidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badrii ibsan.


Pirezidaanti Ordiin Badrii yeroo manneen jireenyaa lammiilee harka qalleeyyii ta’aniif tajaajila tola ooltummaa gannaattin ijaaramaa jiran wayita daawwataniitti akka jedhanitti, naannichatti tajaajilli tola ooltummaa gannaa waggaa gara waggaatti guddachaa fi cimaa dhufaa jira.

Bara kanas tajaajilli tola ooltummaa gannaa lammiilee harka qalleeyyii fi lammiilee biroo fayyadamaa taasisan cimanii itti fufuu isaanii ibsaniiru.

Keessumaa manneen jireenyaa lammiilee harka qalleeyyiif ijaarama jiran saffisaa fi qulqullinaan ijaaramaa jiraachuu eeruun, yeroo ka'ameef keessatti akka xumuraman xiyyeeffannoon hojjetama jedhaniiru.


Naannoo Harariitti tajaajilli tola ooltummaa gannaan tilmaamaan Birrii miliyoona 200n kan hojjetamaa jiru yoo ta’u, tajaajila gosoota 14n gaggeeffamu kana irratti dargaggoonni kuma 47 hirmaachaa akka jiran odeeffannoo Waajjira Kominikeeshinii Naannoo Hararii irraa argame irraa hubachuun danda’ameera.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015