Godina Jimmaatti Manneen Barnootaa Idileen duraa haaraan 180 Ol Ijaaraman Xumuramuun bara Barnoota dhufuuf qophii ta'uun ibsame - ENA Afaan Oromoo
Godina Jimmaatti Manneen Barnootaa Idileen duraa haaraan 180 Ol Ijaaraman Xumuramuun bara Barnoota dhufuuf qophii ta'uun ibsame
Hagayya 26/2018 (ENA): Godina Jimmaatti Manneen Barnootaa Idileen duraa haaraan 180 Ol Ijaaramanii Xumuramuun bara Barnoota dhufuuf qophiin xumuramuun ibsameera.
Barnoonni Idileen duraa sirna barnootaa walii galaaf, qulqullinaaf, bu'aaqabeessummaa fi milkaa'ina sirna barnootaa guutuutiif bu’uura guddaadha.
Barnoonni kun daaimman barnoota idilee osoo hin eegalin dura beekumsa qubeewwanii, lakkoofsotaa, bifaawwanii fi jechoota bu'uuraa akka argatan taasisa.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas qulqullina barnootaa hundee irraa mirkaneessuu fi guddina sammuu daa’immaniif dhaqqabamummaa manneen barnoota babal'isuu irratti hojiiwwan gaarii hedduu raawwateera.
Godina Jimmaattis barnoota Idileen duraa babal'isuuf sochii taasifameen bara kana ijaarsi manneen barnoota Idileen duraa haaraan 184 raawwatamaa akka jiru Waajjirri Barnoota Godinichaa ibseera.
Itti gaafatamaan Waajjira Barnoota Godina Jimmaa Obbo Miiftaa Abdulqaadir akka ibsanitti, manneen barnootaa kunniin baajata mootummaa fi hirmaannaa ummataan ijaaramaa kan jiran yoo ta'u, ijaarsi isaanii yoo xumuramu daa’imman heddduuf carraa barnootaa uumuuf kan danda'u ta’uu ibsaniiru.
Manneen barnootaa kunniin guyyoota muraasa keessatti xumuramuun hojii baruu fi barsiisuuf qophii akka ta'anis hogganichi dabalanii ibsaniiru.
Manneen barnootaa Idileen duraa dabalatee ijaarsi manneen barnoota sadarkaa 1ffaa 24 ta'anis haaluma walfakkaatuun raawwatamaa akka jiru dubbataniiru.
Obbo Miftaah dabalaniis, manneen barnoota turan babal'isuu fi haaromsuuf yaalii taasifameen kutawwan barnootaa dabalataa 750 ijaaramaanii bara barnoota dhufuuf qophii ta'uu isaanii ibsaniiru.
Qulqullina kenniinsa barnootaa fooyyessuu fi daaimman jala irraa kaasee beekumsa cimaa akka qabaatan gochuuf, barsiisotaafis leenjiin addaa kennamaa akka jiru eeraniiru.