Tamsaasa Kallatti:

Biiroon Paablik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Magaalaa Walisootti deeggarsa garaagaraa birrii miliyoona 3 tuqaa 7 olitti tilmaamamu taasise

 

Hagayya 26/2018 (ENA): Biiroon Paablik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Magaalaa Walisootti namoota harka qalleeyyiif deeggarsa garaagaraa birrii miliyoona 3 tuqaa 7 olitti tilmaamamu taasiseera.

Biiroon Paablik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Magaalaa Walisootti hojii tajaajila lammummaatiin namoota harka qalleeyyiif deeggarsa adda addaa qarshii miliyoona 3 tuqaa 7 olitti tilmaamamu taasiseera.


Hoggantuun Biiroo Paablik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Aaddee Kokabee Diidhaa, biirichi hojii tajaajila lammummaa kanneen akka harka qalleeyyiif mana ijaaruu, barattootaaf dabtaraafi qalama bituu maatii harka qalleeyyiif daakuu, zayita dabalatee waliigalan deeggarsa qarshii miliyoona 3.7 ol ta'u deeggarsa taasisuu himan.

Kantiibaan Magaalaa Walisoo Obbo Gammachuu Araddaa, biirichi rakkoo hawaasaa qooddachuuf deeggarsa taasisaniif galateeffataniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015