Pirojektoonni finnaa sochii gara oomishtummaatti godhamu keessatti qooda guddaa bahachaa jira jedhame - ENA Afaan Oromoo
Pirojektoonni finnaa sochii gara oomishtummaatti godhamu keessatti qooda guddaa bahachaa jira jedhame
Hagayya 26, 2018 (ENA) – Pirojektoonni finna bishaan kuusuu irraa sochii gara oomishtummaatti godhamu keessatti qooda guddaa bahachaa jiraachuu Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa beeksise.
Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaan Pirojektii Misooma Jallisii Finnaa Gammoojjii Baalee Bahaatti babal’isuuf, diizaayinii fi karoora haaraa qophaa’e irratti hundaa’uun daawwannaan hojii dirree gaggeesse jira.
Daawwannaa kanaan Pirojektiin Finnaa Sirbaa, Godina Baalee Bahaa, Aanaa Daawwee Qaachaa, Ganda Anolee keessatti argamu ilaalameera.
Pirojektiin kun qorannoo fi mirkaneessa diizaayinii isaa irratti hojiiwwan barbaachisoon gaggeeffamaa jiru.
Dabalataanis, gareen daawwannaa kun Pirojektii Finnaa Bakkee Harroo, Aanaa Daawwee Qaachaan keessatti argamu daawwachuun haala ijaarsa isaa irratti hordoffii taasiseera.
Pirojektichi yeroo ammaa hojii ijaarsaa gaarii irra kan jiru yoo ta’u, yeroo roobaa Fulbaanaa irraa eegalee bishaan qabatee kuusuu akka danda’u eegama.
Daawwannaa kana irratti Gorsaan Bu’uuraalee Misooma Jallisii Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa, Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoo, Itti Aanaa Hoogganaa Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Injinar Alamuu Raggaasaa dabalatee ogeeyyiin damee adda addaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu biroon argamaniiru.
Walumaagalatti pirojektoonni finnaa sochii gara oomishtummaatti godhamu keessatti qooda guddaa bahachaa akka jiran biirichi ibseera.