Tamsaasa Kallatti:

Bulchiinsi magaalichaa xiyyeeffannoo addaan waan hojjeteef qabxiin barattootaa fooyya’aa dhufeera-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Hagayya 26/2018 (ENA)- Bulchiinsi magaalichaa qulqullina barnootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo addaan waan hojjeteef qabxiin barattootaa fooyya’aa dhufuusaa Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.

Kantiibaa Adaanech Abeebee mata duree “ifa boruu sammuu har’aa keessatti” jedhuun yaa’ii barnootaa 33ffaa sadarkaa magaalaatti har’a jalqabsiifneerra jedhan.

Yaa’ii kana wagga wagga kan gaggeessinu qulqullina barnootaa mirkaneessuuf, qaqqabummaa barnootaa bal’isuuf, adeemsa baruu fi barsiisuu bu’a qabeessa gochuuf,hojiilee ciccimoo sektara Kanaan hojjetaman irraa muuxannoo kan itti fudhannu, kan sirraa’uu qaban adda baasuun waliin taanee furmaata kan barbaannuu fi waliin taanee kallattii kan itti fudhannudha.

Bulchiinsi magaalaa keenya qulqullina barnootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjennee qabxiin barattootaa fooyya’aa dhufeera. Qabxiin barumsaa kutaa 12ffaa magaalaa keenyatti gara dhibbantaa 33tti fooyya’eera. Ammas taanaan qabxii guddaa barbaanna; jabaannee hojjechuu qabna.

Brasiisonni, qooda fudhattoonni xiiqiin hojjennee barattoota uumuu danda’an, rakkoo furan,naamusaan guutaman, beekumsaan kan guutaman baay’inaan uumuuf hojjechuu qabna.

Akka bulchiinsa magaalaa keenyaatti invastimantii ijoo ta’e barumsaaf oolchina jennee; bajata olaanaa sektara barnootaaf oolchineerra. Bu’urarraa dhalootarratti hojjechuun murteessaa waan ta’eef guddinni sammuu inni ijoon yeroo daa’ima kichuu waan ta’eef yeroo ijoolummaan durarratti hojjechaa jirra.

Haala Kanaan bu’urarraa eegallee hojjechaa maneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa akkasumas sadarkaa lammaffaarratti qabxii olaanaa fi dhaloota naamusaan guutame eegna jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015