Tamsaasa Kallatti:

Raawwii hojii Ijoo Ministira Mummee Baatii Adoolessaa fi Hagayyaa raawwatan

Sagantaa Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo:

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa yeroo waggaa 8ffaa isaa qabatee jirutti, walitti qabaa COP32 Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ,Giiftii duree Zinnaash Taayyaachoo fi miseensota Koree Qindeessaa COP32 bakka argamanitti waliin ta'uun sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa biyyaalessaa guyyaa tokkoo bara kanaa gaggeessaniiru.


Duulli kun guutuu biyyattii keessatti Itoophiyaanotaan guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf galma guddaa qabatee kan ka'e yoo ta'u, kaayyoo kaa'ame olitti milkeessuu danda'eera.

Tattaaffiin kun Itoophiyaanota guutuu biyyattiin kan raawwataman yoo ta'u, Ministirri Mummee hirmaattonni injifannoo seenaa, tokkummaa fi obsaa galmeessuusaanii ibsuun galateeffataniiru.

Daawwannaa fi Eebba Pirojektootaa:

Ministirri Muummee taarmiinaala haaraa Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Deejjaazmaach Balaay Zallaqaa Baahir Daaritti argamu eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisaniiru.


Pirojektiin kun Itoophiyaaf karra seensaa ijoo keessaa tokko ta'uu kan ibsan Ministirri Muummee, magaalaan kun qormaatilee dhiyoo kana ishee mudataniin osoo hin jilbeeffatiin obsa, dandamachuu fi wiirtuu investimantii fuulduraa ta'uushee mirkaneessuu danda'uushee hubachiisaniiru.

Taarmiinaalli haaraan kun bu'uuraalee misoomaa buufata xiyyaaraa ammayyaa, daandiiwwan ga’umsaa fooyya'an fi tajaajiloota bal'aa qabachuun dandeettii buufata xiyyaaraa kan babal'isu fi mijaa'ina imaltootaa kan fooyyessu dha.

Kunis jijjiirama magaalattii bal'aa waliin wal-qabatee Baahir Daarin wiirtuu balallii Idil-Addunyaa fi biyya keessaa taasisa.


 

Dhimma Hawaasummaa:

Gama biraatiin, Ministirri Mummee Dr. Abiyyi Ahimad (OBN) waliin gaaffii fi deebii kan taasisan yoo ta'u, turtii isaaniitiin gareewwan hidhatanii Oromiyaa, Amaara fi Tigiraay keessa socho'an kanneen faayidaa biyyaa caalaa faayidaa dhuunfaa isaanii dursan moo'achuu akka hin dandeenye erga hubatanii booda tumsa uumuusaanii ibsaniiru.

Dabalataanis, ilaalchaa fi mala gaggeessummaa yeroon irra darbeen gareewwan kun Itoophiyaa dadhabsiisuu fi diiguu kanneen barbaadan diina seenaa alagaatiif akka meeshaa tajaajilaa jiraachuu isaanii dogoggora seenaa kana ibsaniiru.

Dabalataanis, dimokiraasiin dhugaan siyaasaa qofa osoo hin taane, gara marii biyyaaleessaa dhugaa kana ol'aantummaa seeraa mirkaneessutti ce’uu akka qabu cimsuun dubbataniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015