Akkaataan Gibxi bishaan itti fayyadamtuu fi kunuunsitu qisaasa guddaaf kan saaxilamedha-Obbo Faq Ahimad Nagaash - ENA Afaan Oromoo
Akkaataan Gibxi bishaan itti fayyadamtuu fi kunuunsitu qisaasa guddaaf kan saaxilamedha-Obbo Faq Ahimad Nagaash
Hagayya 26/2018 (ENA)- Akkaataan Gibxi bishaan itti fayyadamtuu fi kunuunsitu qisaasa guddaaf kan saaxilame ta’uusaa miseensi garee marii gam-sadee hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa duraanii Obbo Faq Ahimad Nagaash ibsan.
Obbo Faq Ahimad Nagaash ministeera bishaanii fi inarjiitti dura taa’aa garee bishaan daangaa darbanii fi gorsaa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa (GERD), akkasumas daarektara olaanaa waajjira koree teekiniikaa baha Naayil ardichaa ta’uun tajaajila jiru.
Qorataan qabeenya bishaanii kun turtii ENA waliin taasisaniin, gaarrenii fi sululoonni gadi fagoo Itiyoophiyaa bishaan kuusuuf mijataa ta’uu ibsaniiru.
Bakkeewwan qabbanaa’aa kanatti bishaan kuusuun biyyoota yaa’a Abbayyaa keessatti argamaniif akka fayyadu dubbataniiru.
Haala kana Gibxitti kan argamuu fi naannawa gammoojjiitti ijaaramuusaatiin urki bishaanii olaanaan kan irraa mul’atu hidha Aswaan waliin wal bira qabuun dhiheessaniiru.
Waggaa tokko qofaatti hidha Aswaan irraa bishaan kuubiik meetirii biiliyoona 15 amma 16 hurkaan bahee akka qisaasamu kaasaniiru.
Itiyoophiyaatti bishaan bakka gadi fagoo, sulula dhiphaa fi bakka haalli qilleensaa mijataan jirutti kuusuun hurka hir’isuuf akka gargaaru dubbataniiru.
Bakki bishaan itti kuufamu Itiyoophiyaa waan ta’eef bishaan sababa ho’aatiin qisaasamuu danda’u hedduu baraaruun olitti baay’ina bishaanii gara biyyoota yaa’a Abbayyaa gara gadiitti gadhiifamu amansiisaa fi tasgabbaa’aa akka ta’u taasisa jechuun ibsaniiru.
Akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2005 balaan lolaa guddaan Gibxitti wayita mudatetti maandisoonni biyyattii toora ‘Weestarni spiilweey’ jedhamu banuudhaan bishaan kuubiik meetirii biiliyoona hedduu ta’u gara sulula tushkaatti kallattii akka jijjiiru gochuusaanii dubbataniiru.
Kun ammoo dandeettiin Itiyoophiyaan bishaan kuusuuf qabdu guddaa dabaluunsaa qisaasama bishaanii yaa’a Abbayyaa irra jiru hir’isuu fi bu’uraaleen misoomaa biyyoota yaa’a Abbayyaa gara gadii balaa lolaaf akka hin saaxilamne ittisuun akka danda’amu agarsiifuudha jedhaniiru.
Walumaa gala bishaan sululoota gaarren Itiyoophiyaatti kuufamu dabaluunsaa bishaan wagga waggaan Gibxii fi Sudaanitti qisaasamu hir’isuuf akka gargaaru dubbataniiru.
Bishaan Itiyoophiyaatti kuufamu faayidaandaa bishaan kunuunsuuf qofa akka hin taane qorataan bishaanii kun ibsaniiru.
Bu’uraaleen misoomaa hayidiroo elektiriikii Itiyoophiyaa fedhii biyya keessaarra darbuun biyyoonni yaa’a abbayyaa gara gadii anniisaa elektiriikii qulqulluu gatii madaalawaan akka argataniif carraa ni uuma jedhaniiru.
Tumsi inarjii akka kanaa timsa dinagdee biyyoota yaa’a Naayil jidduu jiruuf humna dabalataa akka ta’es kaasaniiru.