Imalli waloo dhaabbilee Amantaa Nageenya, tokkummaa hawaasummaa fi misooma biyyaatiif gahee murteessaa qaba- Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee - ENA Afaan Oromoo
Imalli waloo dhaabbilee Amantaa Nageenya, tokkummaa hawaasummaa fi misooma biyyaatiif gahee murteessaa qaba- Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee
Hagayya 26/2018 (ENA): Imalli waloo dhaabbilee Amantaa Nageenya, tokkummaa hawaasummaa fi misooma biyyaatiif gahee murteessaa qabaaachuusaa Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaasee ibsan.
Dhaabbileen amantaa Itoophiyaa waggoota 15 darban keessatti tumsa isaanii cimsuun, nageenyaa fi tokkummaa hawaasummaa guddisuun, guddinaa fi misooma biyyaalessaaf gahee murteessaa ba’uusaanii Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee ibsaniiru.
Ayyaanni hundeeffama waggaa 15ffaa fi Walgahiin idilee 18ffaan Yaa’ii Dhaabbilee Amantaalee Itoophiyaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee walgahicharratti akka jedhanitti, yaa’ichi waltajjii abbootii fi hoggantoota amantaa walitti qabu qofa osoo hin taane, seenaa biyyattii, yaada uummataa fi fedhiiwwan waloo kan itti yaadatamuu fi itti mari’atamuu ta’uu dubbataniiru.
Dhaabbileen amantaa barsiisa isaaniin, ayyaana hafuuraa fi tokkummaa akka qabeenyaatti fayyadamuun biyyaaf waliin dhaabbachuu fi waliin mari’achuun duudhaa guddaa dhaloota dhufuuf darbuudha jedhaniiru.
Itoophiyaan biyya yaada, humna, dhiigaa, dafqaa fi kadhannaa dhaloota walitti fufaniin ijaaramtee fi dhaabbileen amantaa waggoota dheeraaf naamusaa fi amala gaarii uummataa bocuun, bu’uuraalee hawaasummaa ciccimoo biyyattii keessaa tokko ta’uu eeraniiru.
Dhaabbileen amantaa dhaloota keessumaa daa’immanii fi dargaggoota aadaa fi amala badaa irraa eeguun, dhaloota biyyaaf dhaabbatu ijaaruurratti itti gaafatamummaa olaanaa qabu jedhaniiru.
Akkasumas, gochaalee aadaa, safuu, naamusaa fi Itiyoophiyaanotaa faallaa ta’an kanneen akka badii, saamichaa fi gara jabinaa akka hin babal’anne barsiisuu, akeekuu fi sirreessuun hojiiwwan dursaa dhaabbilee amantaa ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.
Adeemsa marii biyyaalessaa dhiyeenya kana gaggeeffamerratti bakka buutonni dhaabbilee amantaa gahee olaanaa bahuu isaanii kan eeran Pirezidaant Taayyee Atsiqa-Sillaaseen, waliigaltee biyyaalessaa fi nageenya deebisuuf adeemsa taasifame keessattis gaheen dhaabbilee amantaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Mariin biyyaalessaa dhugaa, dhiifamaa fi waliigaltee irratti akka hundaa’u, akkasumas lammiileen Itoophiyaa hundi yaada isaanii bilisaan akka qooddatan taasisuurratti gaheen dhaabbilee amantaa itti fufiinsa qabu murteessaa ta’uu eeraniiru.
Kunis nageenya waaraa fi guddina biyyaalessaaf bu’uura cimaa akka uumu ibsaniiru.
Mootummaan gahee dhaabbileen amantaa nageenya waaraa, tokkummaa hawaasummaa fi guddina biyyaalessaa waliigalaa keessatti qaban hubachuun, bilisummaa dhaabbilee amantaa eeguu fi hojii isaanii itti fufsiisuuf tumsa, qindoominaa fi deeggarsa barbaachisaa akka taasisu ibsaniiru.