Tamsaasa Kallatti:

Shaggar Magaala Qonnaan Bulaa wajjin guddachuuf karoorfattee hojjechaa jirtudha - Dr.Tashoomaa Addunyaa


Hagayya 26/2018 (ENA): Shaggar Magaala Qonnaan Bulaa wajjin guddachuuf karoorfattee hojjechaa jirtu ta’uushee kantiibaan bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dr.Tashoomaa Addunyaa ibsan.

Kabajni guyyaa Qonnaan bultootaa Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Sulultaatti mata-duree "Qonnaan bulaa ammayyaa'eefi Qonna ammayyaa Badhaadhina hunda-galeessaaf" jedhuun kabajamaa jira.

Sagantichi bakka sadarkaa itti Aanaa Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar

Dr. Tashoomaa Addunyaa, Hogganaa Biiroo misooma Magaalaafi manneen Oromiyaa Obbo Mahaammad Guyyee dabalatee hoggantoonniifi keessummootni garagaraa argamanitti eegalameera.


Shaggar Magaalaa haaraa jiruufi jireenya hawaasaa fooyyessuuf hojjechaa jirtu ta'uu kan himan sadarkaa itti Aanaa Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kantiibaa Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa sagantaan kunis bu'aa qabeessummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf kan kaayyeffate ta'uu ibsaniiru.

Bu'aa qabeessummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf hundeeffama irraa eegalee leenjiiwwan ogummaa kennuun cinatti dhiyeessii qonnaa akkasumas giddugaloota gabaa Oomishaaleen Qonnaa irratti dhiyaatan babal'isuun kan danda'ame ta'uus himaniiru.

Hogganaa Biiroo misooma Magaalaafi manneen Oromiyaa saganticha irratti argamuun; Shaggar turtii waggoottan muraasa keessatti milkaa'inoota gurguddoo galmeessaa jiraachuushee ibsaniiru.

Hundeeffama Magaalaa Shaggariin booda hojii hojjetameen buqqaatiifi miidhama qonnaan bultootaa hambisuun ce’umsa Qonnaan bultoonni gara Investimantiitti taasisan caalmaatti cimsuun kan danda'ame ta'uus himaniiru.


Sadarkaa itti Aanaa kantiibaatti qindeessaa kilaastera Qonnaafi misoomaa Magaalaa Shaggar Obbo Girmaa Hayiluu Shaggar Magaalaa ammayyooftuu bu'aa yaadama ida'amuutiin Qonnaan bultoota hammachuun ijaaramte ta'uushee ibsuun, kanaanis hojii waggoottan darbanitti hojjetameen cabinsa siyaasaa, hawaasummaafi dinagdee qolachuun kan danda'amuu dubbataniiru.


Shira bulchiinsa sirna siyaasaa amma dura tureen cabinsa hawaas-dinagdee hambisuun hirmaannaa Qonnaan bultootni ce’umsa dinagdee biyyaa keessatti qaban dhugoomsaa jiraachuu kan himan, kaayyoon sagantaa kanaas riifoormii dinagdee biyyaa keessatti qonnaan bultoota jajjabeessuuf ta'uus himaniiru.

Sagantaa kana irrattis agarsiini Baazaariifi Egzibiishinii oomishaalee bu'aa Qonnaa gaggeeffameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015