Gumiin dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa aantummaa biyyaa fi ummataaf qabu qabatamaanGumiin dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa aantummaa biyyaa fi ummataaf qabu qabatamaan agarsiisaa jira-Ministira nageenyaa Mahaammad Idriis agarsiisaa jira-Ministira nageenyaa Mahaammad Idriis - ENA Afaan Oromoo
Gumiin dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa aantummaa biyyaa fi ummataaf qabu qabatamaanGumiin dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa aantummaa biyyaa fi ummataaf qabu qabatamaan agarsiisaa jira-Ministira nageenyaa Mahaammad Idriis agarsiisaa jira-Ministira nageenyaa Mahaammad Idriis
Hagayya 26/2018 (ENA)- Gumiin dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa aantummaa biyyaa fi ummataaf qabu qabatamaan agarsiisaa jiraachuu Ministirri nageenyaa Mahaammad Idriisibsan.
Ayyaanni hundeeffama waggaa 15 fi yaa’iin walii galaa 18ffaa gumii dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa gaggeeffamaa jira.
Ministirri nageenyaa Mahaammad Idriis wayita kana akka jedhanitti, gumiin kun dhaabbilee amantaa miseensotaa qindeessuudhaan walooma cimsuu fi nageenya cimsuuf hojiilee onnachiisaa raawwateera.
Carraaqqiin tokkummaa, tumsaa fi michooma ummattoota jidduutti cimsuuf akka biyyaatti eegalame bu’a qabeessa akka ta’u gumichi shoora olaanaa gumaachaa akka jiru eeraniiru.
Gumiin kun yeroo hundeeffamerraa eegalee rakkoolee dhaabbilee amantaa miseensotaa waloodhaan furuun waloomaan injifannoo seena qabeessa galmeessisuusaanii eeranii, hojii kanatti boonuu akka qabanis dubbataniiru.
Gumiin kun marii biyyaalessaa dabalatee ajandaawwan dhimma ummataarratti shoorri bahate aantummaa biyyaa fi ummataaf qabu qabatamaan kan dhugoomse akka ta’e ibsaniiru.
Kun fakkeenya ta’uurra darbee kanneen biroof kaka’umsa kan uumu ta’uu dbbataniiru.
Gumiin kun haala ittiin as gahe qorachuudhaan bu’aa caaluuf ciminasaa itti fufsiisuu akka qabu ministirichi eeranii, dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadanirratti ammoo hojii waliin hojjetamu cimsee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaa badhaate dhaloota boruuf dabarsuuf yeroo tumsaa fi tokkummaan dhaabachuudhaan itti hojjetamuu qabu ta’uu ministirichi ibsaniiru.
Kanaaf garaagarummaa osoo hin taane dhimmoota waloorratti xiyyeeffachuudhaan eenyummaa nageenya, dhugaa fi haqaaf fakkeenya ta’e gabbisuun akka barbaachisu eeranii, “jechaan olitti naamusaan ummata keenya gaggeessuu qabna” jechuun cimsanii dubbataniiru.