Biiroon Daldalaa Oromiyaa qaal’insa gabaa tasgabeessuuf qindoominaan hojjachaan jira - ENA Afaan Oromoo
Biiroon Daldalaa Oromiyaa qaal’insa gabaa tasgabeessuuf qindoominaan hojjachaan jira
Hagayya 26/2018 (ENA): Biiroon Daldalaa Oromiyaa qaal’insa gabaa tasgabeessuuf qindoominaan hojjachaan jiraachuu beeksise.
Biirichi ayyaanoota bara haaraa hordofee dhufuun qaala’insi gabaa akka hin uumamneefi hanqinni dhiheessi oomishootaa akka hin mudanneef qindoominaan hojjatamaa jiraachuu Itti Aanaan Hogganaa Biirichaa Obbo Tasfayyee Gaashoo ibsaniiru.
Obbo Tasfaayeen ibsa midiyaaf kennaniin akka himanitti, naannootii hanga aanaatti qindoomina uumuun ayyaanaa bara haaraa akkasumas Masqalaa fi Irreechaarratti hanqinni oomishaa akka hin uumamne dhiheessiin oomishaa qophaa’eera.
Midhaan gosa adda addaa kuntaala kumaa 400 ol, Kuduraafi muduraa gara garaa Kuntaala miliyoona sadii ol, akkasumas beeyladoota, daakuu, zayita nyaataa, lukkuuwwan, sukkaaraafi Killeen kan dhihaatan ta’uu himaniiru.
Dhiheessi oomishaa qofa osoo hin taanee, to'annoon midhaanifi oomishaalee uummani barbaadu karaa seeraan ala akka hin kufamne, hin dhokfamne kan yeroon itti darbee akka hin dhihaanne taasisuuf koreen hundaa’us Obbo Tasfaayeen himaniiru.
Ummannis rakkoolee gabaan walqabatan to'achuuf taasifamu deeggaruun cinatti rakkoon yoo jiraate saraara bilbila bilisaa 8640 eeruu kennuu akka qabus hubachiisaniiru.