Riifoormiin dhaabbilee nageenyaa fi tasgabbii keessatti taasifame birmadummaa fi sirna demokiraasii Itiyoophiyaa karaa amansiisaa ta’een eegsiseera - ENA Afaan Oromoo
Riifoormiin dhaabbilee nageenyaa fi tasgabbii keessatti taasifame birmadummaa fi sirna demokiraasii Itiyoophiyaa karaa amansiisaa ta’een eegsiseera
Hagayya 25/2018 (ENA)- Riifoormiin dhaabbilee nageenyaa fi tasgabbii keessatti taasifame birmadummaa fi sirna demokiraasii Itiyoophiyaa karaa amansiisaa ta’een eegsisuusaa mana maree bakka bu’oota ummataatti itti aanaa dura taa’aan koree hariiroo alaa fi dhimmoota nageenyaa Dr. Fatiih Mahidii ibsan.
Doktar Fatiih Mahidii ENA waliin gaaffii fi deebii taasisaniin, dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii waggoottan darban hojiilee riifoormii bu’a qabeessa raawwachuusaanii kaasaniiru.
Haala Kanaan raayyaa ittisaa, tajaajilli odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa, akkasumas poolisii federaalaa dabalatee dhaabbileen biroon hojmaatasaanii ifaa fi hirmaachisaa gochuusaanii wabeeffataniiru.
Lammiileen naannolee hundaa fi sabaa fi sab-lammoota irraa walitti dhufan kan irratti hirmaatan caaseffama Kan Itiyoophiyaanota hundaa ta’e ijaaruun akka danda’ame dubbataniiru.
Dhaabbileen kunneen birmadummaa biyyaa fi nageenya lammiilee karaa amansiisaa ta’een kabachiisuuf hubannoo nam-tolchee fi teeknooloojiiwwan haaraan akka gurmaa’an taasifamuusaas beeksisaniiru.
Dhaabbileen kunneen ogeeyyota hidhannoo teeknooloojii karaa bu’a qabeessa ta’een gaggeessan horachuuf miseensotasaanii biyya alaatti erguun barnoota sadarkaa olaanaa fi leenjii addaa akka argatan gochuun hojii bu’a qabeessa raawwachuusaanii beeksisaniiru.
Humni teeknoloojii fi namaa gabbate yaaddoo nageenyaa Itiyoophiyaarratti aggaamamu kamiyyuu ittisuu fi mo’achuudhaan furmaata egeree fiduusaa dubbataniiru.
Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii balaa diigumsaa Itiyoophiyaarratti aggaamame qolachuun biyya baraaruu akka danda’an ibsaniiru.
Hojiileen hojjetaman nageenya cimsuudhaan, tokkummaa, birmadummaa fi daangaa Itiyoophiyaa kabachiisuu akkasumas nageenya lammiilee eegsisuu akka dandeessise dabalanii beeksisaniiru.
Akka Kanaan Itiyoophiyaa akka biyyaatti akkajiraattu, birmadummaa fi sirna demokiraasii itti fufsiisuuf aarsaan lubbuu raayyaan kanfalaa jiru homaanuu akka bakka hin bu’amne beeksisaniiru.
Aarsaan jaalala biyyaa dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii Itiyoophiyaan cichitee akka itti fuftu taasifamu fakkaataa kan hin qabnee ta’uusaa fi galmasaa kan qaqqabee fi milkaa’aa ta’uusaa ibsaniiru.