Tamsaasa Kallatti:

Yaa’iin Marii Itoophiyaan biyya tokkummaa Uummatasheetiin injifattu ta'uu qabatamaan mirkaseesseera

Hagayya 26/2018 (ENA): yaa’iin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Itoophiyaan biyya tokkummaa uummatasheetiin injifattu ta'uushee qabatamaan kan mirkaneesse ta'uu hirmaattonni yaa’ichaa ibsan.

Yaa’iin kun aadaa marii kan gabbiseera ta'uu fi aadaa siyaasa biyyattii gara boqonnaa haaratti kan ceesise taatee seenaa ta'uusa dubbataniiru.

Paartileen siyaasaa marii irratti hirmaachuun ENA waliin turtii taasisan akka eeranitti, adeemsi marii biyyaalessaa hirmaachisaa, ifa fi kan hunda hammate ta'uu ibsaniiru.

Itoophiyanonni rakkoo isaanii mataa isaaniitiin hiikuu akka danda’an kan mul’ise ta'uusaas eeraniiru.

Kanneen yaada kennan keessaa Obbo Guyyoo Waariyoo akka dubbataniitti; adeemsi marii biyyaalessaa garaagarummaa yaadaa, walitti bu'insaa fi qawweedhaan hiikuuf yaalii taasifamaa ture jijjiiruun aadaa Siyaasaa haaraa kan ijaaredha.

Yaa’icharrattis Itoophiyotonni daangaa fi sodaa tokko malee waan biyya isaaniitiif yaada ta’a jedhan bilisaan kan gumaachan ta'uu dubbataniiru.

Adeemsichis Itoophiyotonni mari'atanii fi waliigalanii aadaa waliigaltee saanii qabatamaan kan agarsiisan, akkasumas wal irraa kan barataniifi biyya isaanii kan ga’oomsanidha jedhaniiru.

Adeemsa marii kana keessatti diinonni Itoophiyaa alaafi keessaa fi ergamtonni isaanii miidiyaa hawaasaatiin duula taasisaniin adeemsicha gufachiisuuf yaalanis, injifannoo Itoophiyaanotaatiin milkaa'inaan raawwatamuu dubbataniiru.

Hirmaataa biraan Obbo Gabruu Barihee gama isaaniitiin; adeemsi marii biyyaalessaa biyya-mootummaa cimaa ijaaruuf Itoophiyaanonni dhimma waloorratti akka walitti qabaman kan taasisedha jedhaniiru.

Hirmaattotni kutaalee adda addaa irraa dhufan kuma afur ta'an bakka tokkotti walitti qabamuun dhimma biyyaalessaa irratti mari'achuun isaanii milkaa'ina guddaadha jedhaniiru.

Waltajjin marii kun "Itoophiyaa Xiqqoo" ta'ee kan ibsamuu danda'uufi sab-daneessummaa biyyattii tokkummaan kan agarsiisedha jechuunis ibsaniiru.

Hirmaattonnis dhibbaa tokko malee fi fedhii guutuudhaan yaada marii dhiyeessuu danda'uu isaanii dubbataniiru.

Yaa’iin kun Itoophiyaan marii fi tokkummaa uummatasheetiin biyya injifattu ta'uu qabatamaan kan mirkaneesse ta'uu ibsaniiru.

Hirmaataa biraan Mahammad Boruu gama isaaniitiin; yaa’iin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaanoota hunda kan hirmaachise fi yaada isaanii bilisaan akka dhiyeessan kan taasisise ta'uu eeruun; "Itoophiyaan injifatteetti" injifannoo guddaa sheeti jedhaniiru.

Adeemsi hirmaannaa fi marii waliinii kun biyyattii gara sadarkaa fooyya'aatti kan ceesisuu fi bu'uura tokkummaashee kan cimsudha jedhaniiru.

Kutaan hawaasaa hundi adeemsa kana keessatti hirmaannaa fi yaada waliinii kaasuu isaaniitiin adeemsi marii kun bu'a qabeessa ta'uu fi injifannoo Itoophiyaa kan mirkaneesse ta'uu ibsaniiru.

Gumiin kun Itoophiyaanonni gidduuseentummaa qaama sadaffaa malee dhimma waliinii irratti akka mari'atan gochuu keessatti shoora gaarii taphachuus eeraniiru.

Itoophiyotonni tokkummaan yoo mari'atanii fi dubbatan rakkoo hin hiikamne akka hin jirre yaa’iin Marii Biyyaalessaa qabatamaan mirkaneesseera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015