Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa kabajamuun sabdaneessuummaa biyyaa mirkaneessuun hariiroo Sabootaafi Sablammootaa cimsa - Afa-yaa’ii Mana maree federeeshinii Aganyoo Tashaagar - ENA Afaan Oromoo
Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa kabajamuun sabdaneessuummaa biyyaa mirkaneessuun hariiroo Sabootaafi Sablammootaa cimsa - Afa-yaa’ii Mana maree federeeshinii Aganyoo Tashaagar
Hagayya 26/2018 (ENA): Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa kabajamuun sabdaneessuummaa biyyaa mirkaneessuun hariiroo Sabootaafi sablammootaa cimsuusaa Afayaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aganyoo Tashaagar ibsan.
Koreen qindeessituu kabaja guyyaa Sabootaa, Sablammootaafi Uummattootaa 21ffaa karoora kabaja guyyichaa irratti waltajjii marii gaggeessaa jira.
Afayaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aganyoo Tashaagar wayita sana akka ibsanitti guyyichi Saboonni, Sabalammoonniifi Uummattoonni muuxannoo fi aadaa isaanii akka waliif qoodaniif akkasumas tokkummaa cimsuuf carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru.
Nageenya waaraa, misoomaafi guddina dinagdeef akka hojjetaniifi walitti hidhamiinsa uummattootaa cimsuu keessattis gahee olaanaa qabaachuu eeraniiru.
Guyyichi barii Filannoo waliigalaa 7ffaafi marii biyyaalessaa dabalatee taateewwan biyyaalessaa abdii uumaniin kabajamuun adda isa taasisa jedhaniiru.
Guyyaan Sabootaa, Sablammootaafi Uummattootaa 21ffaan magaalaa Jimmaatti kabajama.
Guyyichi taateewwan gurguddoo biyyaalessaa misoomaafi ijaarsa dimokiraasii waliin hidhata qabaniin dabaalamee akka kabajamu Afayaa’ii Aganyoon ibsuu isaanii ragaan Mana Marichaarraa argame ni mul’isa.