Qonnaan Bultoonni Midhaan Waqtii Gannaa Misoomsan kunuunsaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Qonnaan Bultoonni Midhaan Waqtii Gannaa Misoomsan kunuunsaa jiru
Hagayya 26/2018 (ENA):Godina Shawaa Lixaa Aanaa Tokkee kuttaayeetti Qonnaan bultoonni midhaan waqtii gannaa misoomsaa jiran irraa oomisha gaarii argachuuf kunuunsa barbaachisaa taasisaa jiraachuu isaanii ibsan.
Qonnaan bultoonni ENA’f yaada kennaan akka jedhanitti, midhaan adda addaa kilaateraan misoomsan qindoominaan kunuunsa jiraachuusaanii ibsaniiru.
Qonnaan bultoota Aanaa Tokkee Kuttaayee keessaa tokko kan ta’an Qonnaan Bulaa Geetuu Dabaree qonnaan bultoota biroo wajjin ta’uun midhaan qamadii waliin misoomsan irraa oomisha guddaa argachuuf abdii guddaa qabaachuu isaanii dubbataniiru.
Ogeeyyii Qonnaa Aanaa irraa deeggarsa ogummaa argataniin gargaaramuun qonnaan bultoota biroo wajjin qindoominaan midhaan sana kunuunsaa jiraachuu ibsaniiru.
Aanichatti Aadde Biraanee Baqqalaa gamasaaniin qonnaan bulaan biraas waliin ta’uun hojii kunuunsa midhaanii irratti bobba’anii hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Waajjira Qonnaa Aanaa irraa dhiheessii galtee qonnaa barbaachisaa ta’e yeroon waan aragataniif lafa isaanii irra deddeebi’uun qotuun waan facaasaniif, oomishni hamma ammaatti jiru haala gaarii irratti akka argamu dubbataniiru.
Dursaa Garee Misoomaa fi Eegumsa Midhaanii Waajjira Qonnaa Aanaa Tokkee Kuttaayee Obbo Abdiisaa Hirphasaa gamisaaniitiin, bara oomishaa 2018/2019tti aanichatti waliigala lafa heektaara kuma 34 fi 598 sanyii midhaan garagaraatiin facaafamuusaa dibsaniiru.
Bara oomishaa kana keessatti oomisha fooyya’aa argachuuf qonnaan bultoota aanichaatiif sanyii filatamaa, xaa'oo fi dhiheessii galteewwan qonnaa biroo dhaqqabamaa gochuus dubbataniiru.