Ejensiin Geejjiba Oromiyaa leenjii ORO-Tikeetii irratti caasaa isaaf kenne - ENA Afaan Oromoo
Ejensiin Geejjiba Oromiyaa leenjii ORO-Tikeetii irratti caasaa isaaf kenne
Hagayya 25/2018 (ENA) : Ejensiin Geejjiba Oromiyaa leenjii ORO-Tikeetii irratti caasaa isaa sadarkaan jiraniifi Waldaalee Geejjiba deddeebisa uummataaf kenneera.
Itti Aanaa Hogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Mirkaneessa dhiyeessaa fi bobbii geejjibaa Obbo Dirribaa Magarsaa waltajjii kana irratti ORO- Tikeetiin konkolaataa sirnaan hogganuun tajaajilaa Geejjiba Naannicha ammayyeessuufi shoora olaanaa akka qabu kaasaniiru.
Akkasumas Itti Aanaa Hogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Mirkaneessa Nageenya Tiraafikaa Obbo Lachiisaa Hayyuu waltajjii kana irratti yaada kanneen leenjii kana fudhattanii imaanaa mootummaa fi ummanni isaanitti kenne harcaatii tokko malee akka hojiirra oolchan dhaamaniiru.
Obbo Lachiisaan tajaajila geejjibaa ammayyeessuun dhimma filannoo hin qabne ta'uu kaasuun ORO-Tikeetii hojiirra oolchuun to'annoo daandii fi buufata qulqullina qabu gaggeessuu, komii hawaasaa xiqqeessuu, Balaa Tiraafikaa hir'isuufi kan gargaaru ta'uu dubbataniiru.
Hogganaan Ejensii Geejjiba Oromiyaa Obbo Kamaal Maammee Kallattii hojii kennaniin akka ibsanitti, Dameen geejjibaa seektara yeroo yeroon tajaajilli isaa ammaayyaa'aa deemu ta'uu dubbataniiru.
Teekinoloojiin ORO-Tikeetii cabinsa sirna Tajaajila geejjibaa komii hawaasaaf sababa ta'e maqsuufi akka gahee qabu himaniiru.
Hawaasni keenya tajaajila geejjibaa isaa malu akka argatu beekumsaan hoogganuun dirqama akka ta'e kaasaniiru.
ORO-Tikeetiin seeran Alummaa Bobbii Geejjibaa wal qabatee mudatu hundeerraa jijjiiruufi shoora akka qabu kaasuun, qaamolee itti gaafatamummaa itti kenname sirnaan hin raawwanne irratti tarkaanfii Seeraa fi bulchiinssaa barsiisaa ta'e kan fudhatamaa jiruu fi kan fudhatamu ta'uu dubbataniiru.
Xumura irratti Leenjii fudhatan kana Caasalee Geejjiba Sadarkaan jiranuuf akka kennanuu fi hojiirras akka oolchan cimsaanii dhaamanii jiru.
kanamales Leenjiin kennamu,Teeknolojiin hojiirra oolfamu kamuu Tajaajila Geejjibaa Hawaasa keenya kennamuuf galmi isaa komii hawaasa keenya hir'isuu fi itti quufinsa tajaajila geejjibaa kennamu sirnaan mirkaneessuu akka ta'e keesumattuu Darbaa fe'uu,Taarifaa olkafalchiisuu fi alseerummaa Geejjiba keessatti mul'atan kamuu maqsuu akka ta'e hubachiisuun galma kana qabatanii akka hojiirra oolchan cimsanii dhaamaniiru.