Tamsaasa Kallatti:

Taayilaandi Hariiroo tarsiimawaa Itoophiyaa Waliin Qabdu Cimsuu Barbaaddi

Hagayya 25/2018 (ENA) – Taayilaandi Itoophiyaa waliin tumsa tarsiimawaa qabdu cimsuu fi hariiroo ishee ardii Afrikaa waliin jiru bal’isuuf fedhii qabaachuu Itti-aanaan Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa Taayilaand Sihaasaak Fahaangikeetkiwoo ibsan.

Itti-aanaa Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa Taayilaand Sihaasaak Fahaangikeetkiwoo daawwannaa hojii Itoophiyaatti taasisaniiruu.

Ministirichi ENA waliin turtii taasisaniin, Finfinneen Kibba Baha Eeshiyaa fi Afrikaa gidduutti giddugala walitti-hidhamiinsaa ijoo ta’uun ishee dabalaa dhufuu ibsaniiru.

Itoophiyaan Taayilaand waliin hariiroo seenaa dheeraa kan qabdu ta’uu eeruun, biyyasaanii hariiroo kana caalaatti cimsuu fi tumsa bal’aa biyyoota lamaanii guddisuuf hojjechaa akka jirtu ibsaniiru.

Keessattuu, misooma industirii fi oomishaalee qonnaa irratti sona dabaluu keessatti muuxannoo gaarii Taayilaandi qabdu Itoophiyaaf qooduuf qophii ta’uu himaniiru.

Kaayyoon daawwannaa isaanii inni guddaan hariiroo biyyoota lamaanii seenaa dheeraa qabu cimsuu fi tumsa Taayilaandii, walitti dhufeenya Gamtaa Afrikaa kan teessoon isaa Finfinnee jiru waliin qabdu guddisuu ta’uu ibsaniiru.

Kana malees, Taayilaandi Finfinneetti Imbaasii ishee banuuf murteessuu ishee eeraniiru.

Murteen kun biyyi isaanii Afrikaa keessatti walitti dhufeenya dipilomaasummaa Taayilaand qabdu cimsuu fi Finfinnee akka giddugala hariiroo biyyattiin ardii Afrikaa waliin qabduutti fayyadamuuf tattaaffii taasisaa jirtu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis, Taayilaandi sagantaa “ Inisheetivii Taayilaandiifi Afrikaa ” jedhamu, kan hariiroo siyaasaa, dinagdee fi misoomaa Afrikaa waliin qabdu guddisuuf kaayyeffate, xiyyeeffannoo addaa kennuun hojiirra oolchaa jiraachuu ibsaniiru.

Ministirichi Afrikaan saffisaan guddachaa akka jirtu eeruun, yeroo ammaa Afrikaan sadarkaa addunyaatti hariiroo Kibbaa Addunyaa  keessatti sagalee cimaa fi dhiibbaa qabu ta’aa dhufuu dubbataniru.

Dhiibbaan Kibbaa Addunya irratti sadarkaa addunyaatti dabalaa dhufaa jiru kan agarsiisu ta’uu eeruun, kaayyoon guddaan Taayilaand haala kana waliin walsimuun hariiroo fi tumsa cimaa ardii Afrikaa waliin ijaaruu ta’uu ibsaniiru.

Biyyoota Afrikaa duraan waliin hojjechaa turanii fi biyyoota haaraa waliin walta’uun milkaa’ina duraan galmeeffame caalaa bu’aawwan waloo hedduu galmeessuun akka danda’amu amantaa qaban ibsaniiru.

Diplomaatichi Finfinneen Eeshiyaa fi Afrikaa gidduutti giddugala walitti-hidhaminsaa ijoo ta’uu eeruun, Itoophiyaan fi Taayilaandi Gamtaa Afrikaa fi Eeshiyaa gidduutti riqicha tumsa cimaa ijaaruu keessatti gahee olaanaa taphachuu akka danda’an ibsaniiru.

Hariiroo biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti ceesisuuf daawwannaa waliinii hoggantoota olaanoo fi mariiwwan yeroo yerootti taasifaman murteessaa ta’uu Ministirichi hubachiisaniiru.

Dhumarrattis, Ministirichi Taayilaandii fi biyyoonni Afrikaa sirna idil-addunyaa seera irratti hundaa’e eeguuf, daldala bilisaa itti fufsiisuuf, akkasumas sirna daldalaa Dhaabbata Daldala Addunyaa jalatti jiru cimsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Itoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa yoo taatee, seera daldalaa idil-addunyaa fi dinagdee addunyaa keessatti dammaqinaan hirmaachuuf carraa fi kaka’umsa kan uumu ta’uu Ministirichi ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015