Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Shaggaritti Gamaaggamni raawwii hojii gaggeefame

Hagayya 25/2018 (ENA): Magaalaa Shaggaritti Gamaaggamni raawwii hojii humnoota waloo, raawwii sassaabbii galiifi carraa hojii Uumuu gaggeeffameera

Waltajjii kanaanis raawwiin hojiiwwan sagantaa kenna tajaajila lammummaa, Buusaa Gonofaa akkasumas sassaabbii galiifi carraawwan hojii uumaman dhiyaachuun bakka hoggantootni sadarkaan jiran argamanitti irratti mari'atameera.


Bara kana sagantaa kenna tajaajila lammummaatiin gosoota hojii garagaraa waliigala birrii biliyoona 29.5 tti tilmaamamu milkeessuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta'u, raawwii hanga ammaatiinis hojiiwwan garagaraa birrii biliyoona 7.8tti tilmaamamu raawwatamuu gabaasa dhiyaateen ibsameera.

Sagantaa kenna tajaajila lammummaa ganna kanaatiin ijaarsi manneen Barnootaa, manneen harka-qalleeyyii, dhaabbii biqiltuu, arjooma dhiigaa akkasumas maaddii qooduufi deeggarsa garagaraa dabalatee hojiiwwan garagaraa hirmaannaafi tumsa Uummataan ittifufinsaan hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Gama biraatiin hojii Buusaa Gonofaatiin hojjetameen tarkaanfii imala gargaaramtummaa irraa gara Oomishtummaatti taasifamu galmaan ga’uufi humna damdamannaa guddisuuf horannaa miseensaa dabaluun cinatti buusiifi gumaata walitti qabuu akkaataa karoorfameen milkeessuuf hojjetamaa jiraachuun ibsameera.


Haaluma kanaan hojii sassaabbii galii hojjetameen hanga ammaatti galiin birrii biliyoona 5.7 walitti kan qabame yoo ta'u, maddeen galii Magaalichaa xiinxaluufi adda baasuun imala karoora of-danda'uu dhugoomsuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabus ibsameera.

Dabalataan hoji-dhabdummaa xiqqeessuuf poteenshaala jirutti fayyadamuun carraawwan hojii baay'ina, qulqullinaafi ittifufinsa qabu uumuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta'u, raawwii hanga ammaatiinis namoota kuma 14 fi 905’f carraan hojii uumamuu gabaasa dhiyaateen ibsameera.


Xumura irrattis milkaa'inoota argaman itti fufsiisuun akkasumas hanqinoota raawwii keessatti mul'atan hambisuun karoora of-danda'uu galmaan gahuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu kallattiin kennameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015