Tamsaasa Kallatti:

Hojiin Ummanni Naannoo Amaaraa finxaalessummaa mormuudhaan damee hundaan bu'aan akka galmaa’u taasisaa jiru kan jajjabeeffamudha

Hagayya 25/2018 (ENA): Ummanni naannoo Amaaraa finxaalessummaa fashaleessuudhaan naannichatti damee misoomaa hundaan bu'aan akka galmeeffamu hojiin inni hojjechaa jiru kan galateeffamuuqabudha jedhan Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti gaafatamaan Qindeessaa Wiirtuu Ijaarsa Sirna Dimokiraasii fi Itti aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan.

Waltajjiin gamaggama raawwii hojiiwwan paartii fi mootummaa bara baajata 2018 fi karoora bara baajata 2019 hogganoota olaanoo fi giddu galeessaa naannoo Amaaraa gaggeeffamaa jira.


Waltajjii kanarratti argamuun ergaa kan dabarsan Obbo Adam Faaraah, ummanni Naannoo Amaaraa tokkummaa biyyaatiif, kabaja sirna mootummaatiif fi ijaarsa biyyaatiif aarsaa kaffalaa kan turee fi ammas kaffalaa kan jiru ta'u ibsaniiru.

Rakkoon yoo jiraatellee akkaataa seeraatiin akka hiikamu kan gaafatu, kabaja seeraatiif dursa kan kennuu fi birmadummaa biyyaaf uummata dhimmu ta'uu isaa ibsaniiru.


Ummanni bara baajata 2018 keessatti finxaaleessummaa mormuusaa ibsuun, humni waraanaa akka akka cimuufi olaantummaan seeraa akka kabajamu gumaacha mataa isaa gumaachaa jiraachuus eeraniiru.

Ummanni ijaarsa biyyaatiif ilaalcha gaarii qabuun filannoo haala gaariin geggeessuun bakka bu'aa isaa filachuu isaa kaasaniiru.

Naannichi qormaata keessa ta'us misoomni olaanaan jiraachuu ibsuun, naannichi yaada badhaadhinaa haala gaariin hojiirra oolchaa jiraachuus kaasaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa akka biyyaatti ashaaraa fi seenaan waliinii akka jiraatu hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.

Seenaa fi ashaaraa waliinii yaaduun hojjechuun yoo danda'ame paartii cimaa, mootummaa cimaa fi biyya cimaa uumuun ni danda'ama jedhaniiru.

Hojii seera kabachiisuu naannoo cimaa hojjechuun kan eegamu ta'uu kan dubbatan Obbo Adam, nagaa waaraa naannichaa mirkaneessuuf haala jiru gamaggamuu fi odeeffannoo irratti hundaa'uun hojii seera kabachiisuu hojjechuun barbaachisaa ta'uu ibsaniiru.

Mootummaan Federaalaa fi Paartiin Badhaadhinaa dhimma naannichi barbaadu hunda irratti cinaa isaa kan dhaabbatan ta'uus mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015