Arjantiinaaf waanan danda’e hunda gumaacheera amma yeroon garee biyyaalessaa irraa adda ba'uudha— Liiyoonel Meesii - ENA Afaan Oromoo
Arjantiinaaf waanan danda’e hunda gumaacheera amma yeroon garee biyyaalessaa irraa adda ba'uudha— Liiyoonel Meesii
Hagayya 25, 2018 (ENA): Taphataan kubbaa miilaa Arjantiinaa, Waggaa 39 Liiyoonel Meesii, garee biyyaalessaa isaa waliin kana booda akka hin taphannee fi garee biyyaalessaa irraa adda of baasuuf murteessuu isaa ifatti beeksise.
Liiyoonel Meesii ergaa fuula miidiyaa hawaasaa Inistaagiraamii isaa irratti barreesseen, “Erga tapha xumuraa Waancaa Addunyaa sanaa booda wantoota hunda gadi fageenyaan ergan yaadee booda, garee biyyaalessaa irraa adda bahuu koo hundaaf beeksisuun barbaada” jedhe.
Murtoon kun garaa isaa kan madeessuufi baay’ee kan isa miidhu ta’uu ibsuun, “Yeroon ani garee biyyaalessaa irraa adda bahuu murteessu amma ga’eera” jedhe.
''Maaliyaa Arjantiinaa uffadhee waanan danda’e hunda godheera. Isin Arjantiinaa ta’uu keessaniin akka boontan gochuufis waanan qabu hunda kenneera,” jechuun ibse.
Meesiin yeroo inni garee biyyaalessaa keessatti dabarse hundi yeroo hunda qalbii isaa keessa akka jiraatu ibsee, amma immoo taphattoonni haaraan fi dargaggoonni carraa argachuu akka qaban dubbate.
Barreeffama isaa kana tapha xumuraa Waancaa Addunyaa irratti hirmaatee guyyoota lama booda akka barreesse ibsameera. Akkasumas, yeroo rakkisaa keessa jiru kanatti, erga abbaan isaa du’an addunyaa kanarraa boqotanii booda, murtoo kana dabarsuuf haalli keessa jiru dhiibbaa keessa akka isa galche ibsameera.
Liiyoonel Meesii waggoota 20 darban keessatti ummanni Arjantiinaa jaalala isaaf agarsiisaa tureef galata galcheera. Akkasumas, yeroo gaarii fi yeroo hamaa keessatti garee biyyaalessaa isaa cinaa akka dhaabbatu ibseera.
Murtoon Liiyoonel Meesii kun miidiyaalee addunyaa biratti dhimma marii guddaa ta’eera.
Liiyoonel Meesii bara 2005 irraa hanga 2026tti uffata garee biyyaalessaa Arjantiinaa uffatee taphoota 207 irratti hirmaachuun, goolii 125 galcheera. Kanaanis seenaa garee biyyaalessaa Arjantiinaa keessatti nama goolii hedduu galche ta’eera.
Dorgommii Waancaa Addunyaa yeroo dhiyoo kana gaggeeffamerratti goolii 8 galcheera. Walumaagalatti, Meesiin Waancaa Addunyaa irratti goolii 22 galcheera. Kanaanis taphataa Faransaay Kiliyaan Mibaappee, kan goolii 23 qabu, hordofee tarree taphattoota goolii hedduu galmeessan keessaa sadarkaa olaanaa irra jira.
Liiyoonel Meesii seenaa isaa keessatti waancaawwan 46 mo’achuun, seenaa kubbaa miilaa keessatti taphattoota waancaawwan hedduu mo’atan keessaa tokko ta’eera.
Meesiin garee biyyaalessaa Arjantiinaa waliin waancaawwan garaagaraas mo’ateera. Isaan keessaa Waancaa Addunyaa, Kooppaa Ameeriikaa yeroo lama fi waancaawwan biroo ni argamu.
Yeroo ammaa Liiyoonel Meesiin kilabii Ameerikaa Intar Miiyaamii keessatti taphachaa jira.