Tamsaasa Kallatti:

Waggoota Shanan darban damee Hojii fi ogummaan bu’uurri cimaan taa’eera

Hagayya 25/2018(ENA): Waggoota Shanan darban damee Hojii fi ogummaan hojiiwwan raawwataman imala Misoomaa egereef bu’uura cimaa kaa’uusaanii Ministeerri Hojii fi ogummaa beeksise.

Ministeerri Hojii fi ogummaa waggoottan darban keessatti damee hojii fi ogummaatiin raawwataman imala misoomaa fuulduraatiif bu’uura cimaa kaa’uu addeesseera.

Ministirri hojii fi ogummaa Aadde Mufarihaat Kamiil akka ibsanitti , waggootan shanan darbanitti leenjii teeknikaa fi ogummaa haala yaadama yeroo waliinii fi fedhii gabaa waliin wal simsiisuun hojiin dandeessisu raawwatamuu ibsaniiru.

Kanumaanis, caasaa dhaabbileen leenjii koridaroota dinagdee fi qoodama godinaalee irratti hundaa’uun gurmeessuun, humna namaa qabeenya dinagdee fi fedhii industirii naannichaa waliin walsimatu oomishtuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Nageenyaa industirii mirkaneessuufis hariiroo hojjechiisaa fi hojjetaa fooyyessuuf fooyya’iinsa seeraa diriirsuu malees, marii hawaasummaa, fayyaa fi nageenya bakka hojiif xiyyeeffannoo kan godhatan hojjetamuu isaanii ibsaniiru.


Imala misoomaa fuulduraatiif gahee dameen dhuunfaa dinagdee keessatti qabu cimsuuf fooyya’insa sirna leenjii industirii waliin walsimsiisuun xiyyeeffannoo guddaa akka ta’e ibsaniiru.

Kanaan walqabatees, sekterri dhuunfaa dizaayinii leenjii, raawwii fi madaallii irratti hirmaannaa hojiirra oolmaa sektar iskiil Innisheetiv (Sector Skill Initiative) eegalame gara sadarkaa itti aanutti ceesisuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Misoomni dandeettii dijitaalaas xiyyeeffannoo fuulduraa ta'uu eeraanii; Tarsiimoo Dijitaalaa 2030 milkeessuuf lammiilee dandeettii dijitaalaan hidhachiisuun itti gaafatamummaa ijoo Ministeerichaa ta’uu eeraniiru.

Keessattuu, inisheetiivii koodaroota miliyoona 5 Ministira Muummeen eegalame gara miliyoona 7titti guddisuu fi sanaa olittis babal’isuuf akka hojjetamu agarsiisaniiru.

Enterpranaarishiippii babal’isuu fi hojiiwwan kalaqaa jajjabeessuun kallattii fuulduraa ta’uu ministirri kun ibsaniiru.

Dhaabbileen leenjiis hirkattummaa baajata mootummaa irraa adda baasuun, leenjii qulqullina qabu fi ce’umsa teknoolojii kan gaggeessan akka ta’an gochuun akka eegamu dubbataniiru.

Bu’uurri misooma hundaa nama waan ta’eef, dandeettii, kaka'umsa, kabaja fi nageenya hojjetaa mirkaneessuun xiyyeeffannoo hojiiwwan fuulduraa akka ta’an yaadachiisaniiru.

Milkaa'inni waggoota shaniin darban kan dhaabbata tokkoo qofa osoo hin ta'iin, hoggantoota naannoo, dhaabbilee waamamaa, hojjettoota, qooda fudhattoota hawaasummaa, dhaabbilee faayinaansii fi deeggartoota biroo hundaa hojii waliinii ta’uu ibsuun deeggarsa taasisaniif galata dhiyeessaniiru.

Waltajjii kana irratti Ikispooshiiniin “Skill Ethiopia” jedhamus qophaa’eera, kunis hojii uumtoota fi ogeessota damee hojii fi ogummaa keessatti bobba’aniif hojiiwwan kalaqaa isaanii beeksisuuf carraa uumeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015