Tajaajilli tola ooltummaa waloomaa fi hariiroo lammiilee cimsaa jira - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli tola ooltummaa waloomaa fi hariiroo lammiilee cimsaa jira
Hagayya25/2018(ENA): Tajaajilli tola ooltummaa tokkummaa fi walitti dhufeenya ummataa cimsuudhaan biyya jabduu ijaaruuf daandii saaqaa jiraachuu Wajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti itti gaafatamtuun damee Dubartootaa Aadde Saamiyyaa Abdallaa dubbatan.
Gurmuun damee dubartootaa Oromiyaa fi hoggantoonni Godina Baalee har'a Aanaa Sinaanaatti argamuun hojiiwwan tajaajila tola ooltummaa raawataniiru.
Tajaajilli tola Ooltummaa boqonnaa sammuu kennuun cinaatti walitti dhufeenya hawaasummaa cimsaa dhufuusaa ibsaniiru.
Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti itti gaafatamtuun damee Dubartootaa Aadde Saamiyyaa Abdallaa akka jedhanitti Tajaajilli tola Ooltummaa tokkummaa fi walitti dhufeenyaa lammiilee cimsaa jiraachuu dubbataniiru.
Tola ooltummaan baratamaa dhufuu ibsuun, keessattuu ummata hirmaachisuun tajaajilli kennamu tokkummaa fi wal-gargaarsaan ergama biyyaalessaa milkeessuuf haala mijataa uumaa jira jedhaniiru.
Naannichatti sagantaa kanaan dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa, mana harka qal’eeyyii haaromsuu, deeggarsa meeshaalee barnootaa fi hojiiwwan arjoomaa biroon raawwatamaa jiraachuus ibsaniiru.
Har'as Bulchiinsa Godina Baalee waliin ta'uun tajaajilli tola ooltummaa raawwatame qaama carraaqqii kanaa fi hojii biyya jabduu ijaaruuf taasifamu kan deeggaruudha jedhaniiru.
Itti Aanaa Bulchaa Godina Baalee Obbo Abirahaam Haayilee gama isaaniitiin, hojiileen tajaajila tola ooltummaa yeroo gara yerootti taasifaman boqonnaa sammuu kennuu bira dabruun obbolummaa fi walitti dhufeenya hawaasummaa cimsaa waan dhufaniif cimanii kan ittifuufan ta'uu ibsaniiru.
Sagantaa kanaanis mana harka qal’eeyyii haaromsuu, dhiiga arjoomuu, Maaddii qoodduu, ashaaraa magariisaa dabalatee tajaajilawwan hawaasummaa hedduu raawwachuun hawasni walii waliisaanii akka wal deeggaraniif carraa uumuusaa dubbataniiru.
Aanaa Sinaanaa Ganda Hawushoo kan jiraatan Aadde Hajjoo Adam, tajaajila tola Oooltummaan mana isaanii diigame gara qorqoorrootti jijjiiruuf hojiin jalqabamuu isaatti gamaduu isaanii ibsaniiru.