Tamsaasa Kallatti:

Milkaa'ina karoora baranaatiif hoggansa kutannoo, xiiqiifi ittigaafatamummaan hojjetu murteessaadha- Obbo Tijjaanii Naasir.

Hagayya 25/2018(ENA): Milkaa'ina karoora baranaatiif hoggansa kutannoo, xiiqiifi ittigaafatamummaan hojjetu murteessaa ta’uusaa bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir ibsan.

Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir, baatiiwwan lamaan darban keessatti hojiiwwan gama nageenyaan hojjetaman gaarii ta'uu, qindoominni hoggansa sadarkaan jiruu fooyyee ta'uu, hojii tajaajila lammummaa dabalatee hojiiwwan jajjabeeffamu hojjetamuusaa dubbataniiru.


 

Gama biraatiinis, dandeettiin raawwachiisummaa hoggansaa hoggansatti garaa garummaa qabaachuu, raawwiin seektaroota, aanaaleefi gandoota gidduutti mul’achuu, hojiiwwan hunda walfaana raawwachuu irratti hanqinaaleen kan turan ta'uus himaniiru.

Hojii ijaarsaafi siyaasaa cimaadhaan hojiiwwan misoomaaf nageenyaa hogganuu, hojii hunda keessatti qindoomina cimaadhaan raawwachuu, rakkoolee bulchiinsa gaarii addaan baasuun hawaasa mariisisuudhaan hiikaa adeemuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.


Nageenyaaf dursa kennuun xinxala gaggeessaa qixaan hogganuu, hojiiwwan misoomaa keessatti galiiwwan mootummaa, carraa hojii uumuu, qusannaa hawaasaa, humnoota waloo afran jabeessuu, haaromee aanaalee hunda keessatti xumursiisuu, kabaja ayyaana sabaaf sablammootaa 21ffaa Jimmatti kabajamu milkeessuuf qindoominaan hojjechuun murteessaa ta'uu ibsaniiru.

Waltajjii kanaan manneen hojii gabaasa isaanii kan dhiyeessan yemmuu ta'u, mariin erga taasifameen nooda kallattiin hojii fuula duraa kaa'amee jira.

 


Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Jimmaa Obbo Dhaabaa Bayyanaa, hojii kamiyyuu milkeessuuf hojmaataan hogganamuun baayyee murteessaa ta'uu himanii, hojmaataafi qajeelfamoota bahan hunda harcaatii tokkoon malee hojiirra oolchuudhaan hojmaataan hogganuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Manni Maree Bulchiinsa Godina Jimmaa gaggeeffamaa ture kallattii hojii itti aanu kaa'uufi murtoowwan gara garaa dabarsuun xumurameera.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015